Gamtaan Afriikaa sababa hanqina baajataa isa mudateen humna naga kabachiisaa Soomaliyaatti keessatti alshababiin lolaa jiru bara 2020 tti akka biyyattii keessaa baasuuf jedhu ibsi gamtichi gidduu kana baase ni mul’isa.

Gamtaan Afriikaa kamisa kana akka beeksisetti waggoottan afuran dhufan keesssatti loltoota isaa Soomaliyaa keessa jiran kuma 22 ta’an hunda baasuu, hojii nageenya biyyattii eeguu loltoota biyyattiif dhiisu beeksisee jira.
Akka karoora kanaatti Amisom loltoota isaa Soomaliyaa dha baasu kan eegalu bara 2018 tti yemmuu ta’u, suuta suuta dirqama naga kabachiisummaa biyyatti raayya biyyaaleessaa Mootummaa Soomaliyaaf akka kennaa deemu ibseera.
Murtiin Gamtichi loltoota kana baasuuf murteesse biyyonni loltoota isaanii Soomliyaatti ergan rakkoon baajata isaan mudachuu erga beeksisanii booda akka ta’e fi loltoonni hedduun kaffaltii malee ji’oota hedduuf turuu isaanii hordofuun.
Gamtaan Awuroophaa Jalqaba bara kanatti baajata gamtaa Afriikaa Soomliyaa jiruuf ramadee ture dhibeentaa 20 hir’isuu beeksisuun ni yaadatama.
Ugaandaan loltoota ishee soomaliyaa jiran kuma 6 hanqina baajata ishee mudateen akka baastu yemmuu beeksiftu, ergama Soomaliyaaf degegrsa maallaqa gudda kan rammadu Gamtaan Awuroophaa immoo loltoota kafaltiin jala tureef duugda dubbatti deebi’ee kaffaluuf waliigaleera.
Soomaliyaa waggoota 25 oliif mootummaa giddugalaa cimaa dhabde keessatti nageenya buusuuf loltonni biyyoota Itoophiyaa, Burundi, Jibuutii, Keeniyaa, Seeraliyoon fi Ugaandaa ergama naga kabachiisaa Gamtaa Afriikaa jalatti loltoota isaanii walitti qabuun alshababiin lolaa akka jiran ni beekamaa.
Gareen hidhataa alshabab bara 2011 Magaala gudditti biyyatti Mooqadishoo keessa kan arii’amee bahe yoo ta’e iyyuuu , ammas Magaalota biyyatti fi baadiyaa biyyattii keessatti haleella itti fufee jira.
Loltoota Gamtaa Afriikaa bara 2007 gara Soomaliyaatti ergaman lola waliin waliin biyyatti keessa ture dhaabsisuun Mootumma amma jiru gargaaruun biyyattii keessatti tasgabbii buusuuf yaalaa jiru.
Gamtaan Afriikaa akkuma jedhame yoo Soomaliyaa gad dhiise bahe,loltonni biyyalleessa Soomaliyaa nageenya itti fufiinsa qabu biyyatti keessatti buusuu danda’uu gaaffiin jedhu ammaaf deebii hin arganne.
Karaa biraatin mootummaan Itoophiyaa lolitoota mootummaa soomaliyaa lenjisuu fi gargaarsa barbaachisaa ta’ee akka kennuu qondaaltonii biyyaatii dubbachuu isaani midiyaaleen mootummichaa ibsaa jiraachuun isaani beekameera.