Yeroo Ummanni Itoophiyaa miliyoonaan lakka’aman beelaan rakkachaa jiran kanatti hawwaasni addunyaa dhimmoota xixiqoo irratti xiyyeeffatee raknichaa akkaa layyooti ilaalin isaa sirri akka hin taane, ergamaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Pirezdantiin Ayerland duraanii Meerii Robinson qeeqa dhiheessan.

Meerii Robinson akka miidiyaaleef himanitti, yeroo ammaa kana ummanni addunyaa kan irratti dubabchaa jiru dhimmoota xixxiqoo irratti waan ta’eef beela Itoophiyaa hubaa jiruuf xiyyeeffannoo hin kennine jechuun dubbatan.
Dhaabbiilee saba himaalee dabalatee hawwaasni addunyaa dhimma murtii ummata Ingliz, dhimma baqattoota gara Awuroophaatti godaananii fi jeequmsa guutuu aduunyaa irratti raawwatu qofaa yemmuu dubbatan akka dhaga’amu kan himan Meerii Roobiinson beela Itoophiyaatti gahee jiru hordofuun hubaattii gahaa jiruuf xiyyeffannoo laach hin dandeenyee jechuun komataniiru.
Dhaabbiileen gargaarsaa addunyaa akka himanitti immoo lammiileen beela kanaan hubaman hedduun dubartootaa fi daa’imman akka ta’an ibsuun, barattonni miliyoona 3 ta’an immoo manneen barnootaa addaan kutuuf akka dirqaman Dhaabanni Mootummoota gamtoomanii beeksisee jira.
Beelli Itoophiyaatti gahe kun dubartoota ulfaa fi harmoollii harma hoosisan irra caalaa akka miidhaa jiru beeksisuun, hanga tarkaanfiin hin fudhatamnetti rakkoon kun dhaabbachuu akka hin dandeenye ibsaa jiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamotoomanii wabii godhachuun tibba darbe akkuma gabaasne turetti, harmoolii fi daa’imman biyyattii hanqina nyaataa irra kan ka’e rakkoolee garagaraaf saaxilamaa akka jiran beekameera.