Mootummaan Sudaan akka beeksisetti, lakkoosi lammiilee Itoophiyaa Sudaan irra ka’uun Egypt fi Liibiyaa keessa qaxxamuruun gara Awuroophaatti baqachaa jiranii akka dabale beeksiseera.

Hoogganaan Humna dafee qaqabaa Sudaan akka beeksietti, ji’a darbe qofaa baqatoonni 300 hedduun isaanii lammiilee Itoophiyaa ta’an daangaa Sudaan fi Liibiyaa irratti to’anno jala akka oolan dubbatan.
Baayyinni baqattoota dabaluu irra kan ka’e Mootummaan Sudaan gammoojjiiwwan kutaa biyyatti kaabaa gara dhihaa jiran irratti duula to’anno banuu beeksisaniiru.
Daangaan Sudaan fi Liibiyaan wal daangeessan gama kaabaatiin duula to’anno gaggeefamaa jiru hordofuun akka cufamanii fi dhimma baqattoota Mootummaa Sudaniif yaaddoo guddaa akka ta’e dubbataniiru.
Ji’a ji’aan baqatonni kumaataan lakka’aman akka Sudaan seenan kan beekamu yemmu ta’u, Gamtaan Awuroophaa yaalii baqattoota Sudaan to’chuuf godhuun yeroo darbe yuuro miliyoona 100 gargaarsaan akka kenne yaadachisaniiru.
Dhaabbani Baqattoota Addunyaa IOM fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti koomishiniin baqattootaa lammiileen Itoophiyaa hedduun Sudaan fi Jibuutii keessaa qaxaamuruun biyya isaanii akka gad dhiisaa jiran beeksisee jira.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa torbee drbe dhima baqattoota irratti gabaasa tureen Sudaan fi Jibbuttiin biyyota baqattonni hedduun keessaa qaxamuran ta’aa dhufuu beeksisee jira.
Mootummaan Itoophiyaa namoota gara Sudaanitti baqatan to’achuuf jecha Magaalaa Humaraa keessatti to’annoo kan gaggeessa jiru yoo ta’es imallii baqattootaa akka hin dhabbanne qaamooleen adda addaa ibsa jiru.