Jalqaba Torbe kana irra kaasee mormiin Arsii lixaa aanaalee adda addaa keessatti bifa haaraan eegale cimee itti fufee jiraachuu isaa gabaasni adda addaa fi jirattonii ibsaa jiru.

Mormii amma gaggeeffamaa jiru godina Arsii lixaatti dabalataan Harargee bahaa fi aanaalee shawaa bahaa jalatti argaman keessatti cimee itti fufuun himamaa jira.
Mormiin kun , Oromoonii mana hidhaa jiran akka gad dhiifaman, ajjechaa fi dararaan akka dhaabbatuu karaa nagaatin kan gaafatu yemuu ta’u biiroon dhimmoota Koomunukeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa mormii kana duuba humnoota farra nageenyaatu jira jechuudhan mormii kana to’annoo jala oolchuuf tarkaanfii humnaa akka fudhatamuu qabu dubbachuun isaa ni yadatamaa.
Mormii Godina Arsii Lixaatti godhameen amma ammaati lubbuun nama tokko akka darbe fi namoota shan irra miidhaan guddaan akka gahe Mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisee jira.
Karaa biraatin Godina Booranaa aanaa Miyootti misensonni rayyaa ittisa mootummaa tarkaanfii jiraattota irratti fudhataniin nama tokko ajjessuun sadii kan ta’an immo maddeessu namooni ijaan argan ESAT tti himan.
Facaasa darbe kana Ummanni Godina booranaa aanaa Miyoo gaaffii mirga fi abba biyyummaa gaafachuuf hiriira bahan hordofuun loltonni meeshaa waraanaa gurgddaa hidhatanii magaalatti buufatanii jiran fageenya irra dhukaasuun mucaa dandii irra mi’a gurgurtu ajjeesaniiru.
Aanaalee Miyoo tti jiraattoni magaalaa Kulubummaaas gara daandiitti bahuun gaaffii fi mormii mootummaa wayyaannee irra qaban ibsaniiru.
Ummanni mormiif bahan kunneen dhaadannoo Mootummaa wayyaanneetiin hin bullu, hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman, lafti booranaa gufalaa jedhamu naannoo Somaaletiif kennamuuf murtaa’e deebi’u qaba gaaffii jedhu fii kannneen biro qabatanii bahaniiru.
Mormii ummataa kana hordofuun loltonni moora waraanaa naanicha keessa jiran bahuun magaalaatti seenanii dargaggoota nagaa daandii irra deemanii sasabanii hidhuu fi kanneen lama sadi ta’anii dhaabbatan yoo argan immo akka dhukaasa irratti banaa turan namoonni argan himaniiru.
Akka viidiyoon waraabame miidiyale hawwaassa irratti gad dhiifame agarsiisutti miseensonni loltoota biyyattii namoota nagaa illee utuu hin hafin magaala keessatti dhukaasa irratti banuun namoota sadii maddeessuun tokko ajjessuu maddeen himaniiru.
Namoonni madda’an sadan mana yaalatti kan yaalamaa jiran yemmuu ta’u mucaa durbaa daandii irra hojii daldalaa xiqqaa irrati hirmaatte jiraattuus rasaasaan middhamuun himameera.
Mormiin naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru furmaata waan hin arganneef Mootummaan mormii kana dhaabuuf tarkaanfii humnaa fudhachuun lakkoofsa namoota du’aa jiranii ciminaan dabalaa jira.