Mootummaa Israa’el Jiwiishota Itoophiyaa yookiin falashota 9000 akkaa gara israa’eliti fudhachuu barbaadu beeksiseera.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota afrikaa 4 daawwachaa kan turan Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanaahuu daawwaannaa isanii Itoophiyaa keessaati, Jiwiishota Itoophiyaa keessaati hafaniiru jedhaman 9000ti lakka’aman firottan isaanii biyyaa Israa’el jiran waliin makuu akkaa barbaadan beeksisanii jiru.
Beenjaamiin Neetaanaahuu ibsa kennaaniin, yoom akka raawwatu yoo himuu baatanis, yeroo gabaabaa keessatti lammiilee Itoophiyaa hidda Israa’el qaban akka biyyatti deebisan dubbachuun dhimoota wal fakkaata irratti akka hojjechaa jiran beeksisaniiru.
Israa’el waggootan 20 duraa marsaa 2ti namoota kuma dhibbati lakawaman Itoophiyaa irraa fudhachuun ishee wan yaadatamu yemmuu ta’u Ji’oota muraasa darban dura lammiilee Itoophiyaa hidda dhaloota Israa’el ta’uun gara biyayttitti deebi’an gocha sanyummmaa fi loogiitu nurratti raawwata jechuun daanditti bahanii bahanii mormaa turaniiru.
Neetaanaahuu qondaaltota biyyaa afrikaa 7 ugaandaa keessaatii walti qabuudhan haasaa godhan keessaati akka ibsaniti biyyii isaani gamataa afrikaa wajjin dhaabattee shororkeessummaa balleesuf yaalii gooti jedhaniru.
Oduu wal qabateen daawwii Keeniyaatti gaggeessa turan irratti yaaliin ajjeechaa irratti agamamee ture kan jedhame Ministirri Muummee Israa’el soba jedhan.
Gabaasa gaazexxaan Kuweet al-Jarida jedhamu, ministira muummee Israa’el irratti keeniyaa keessatti, yaaliin ajjechaa agamameera jechuun barressse kan dhagahan guyya tokko booda akka ta’e gaaffi Finfinneetti reporteerronni gaafatan yemmu deebisan ibsanii jiru.
Biyyooni Araba tokko tokko mootummaa ertiraa akkaa deggeraan kan dubbata turan deggertoonif dabbalonii ehadig esraa’eel nu biraa dhabatteeti jechuudhan dawwannoo qondaaltota esraa’eliti akka gammadan ibssaa jirachuun isaani bekameera.