Sochiin biyyaalleessaa Itoophiyaa haaraa uumame mootummaa federaalawaa guddina fi dagaagina fidu hundeessuun kaayyoo isaa ijoo akka ta’e beeksise. Ibsi paartiilee afuran sochii biyyaalleessaa Itoophiyaa irra bahe akka mul’isutti, kaayyoon tokkummaa kanaa Itoophiyaa saba fi sablammooni ishee mirga isaanii kabajatanii fi birmadummaan ishee eegame uumu akka ta’e ibseera. Sirna mallattoo Meeriilaand silverspring tti taa’ame irratti Dura taa’aan Adda Dimmokirtwaa Oromoo ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Gogiinsi Itoophiyaa keessatti ka’ee jiru hanga walakaa bara 2017 ttis cimee akka itti fufu dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii beeksise
Balaan gogiinsaa kun Oromiyaa bahaa godiinaalee Baalee, Gujjii fi Booranaatti cimee akka itti fufu beekameera. Lafti dheedicha horii fi dhiheessiin bishaan dhugaattii hir’achaa waan deemeef loon naanicha jiran beelaaf akka saaxilaman dhaabbata mootumoota gamtoomanitti garee mirga dhala namaa ibsaniiru. Godina Gujii fi Baalee bakkeewwaan gammoojjitti balaan kun irra caalaa hammaa akka ta’e kan beeksise gabaasi kun, Naannoo Affaris balaa kanaan ...
Read More »Mootummaan Kanaadaa hariiroo diinagdee Itoophiyaa waliin qabutti fayyadamee…
Mootummaan Kanaadaa hariiroo diinagdee Itoophiyaa waliin qabutti fayyadamee,Itoophiyaa keessatti dimokraasin akka jiraatu fi mirgi dhala namaa akka kabajamu dhiibbaa gochuu qaba jechuun miseensonni paarlaamaa mootummaa Kanaadaa gaafataniiru. Fincila ummataa Itoophiyaa keessatti geggeffamaa jiruun wal qabatee,hanga ammaatti namoonni lakkoofsaan kuma tokkoo fi dhibba jahaa ol ta’an hidhamuu isaanii kan eeran miseensi paarlaamaa biyya Kanaadaa Piitar Keenti jedhaman Itoophiyaa keessatti mirga namoomaa ...
Read More »Ameerikaatti Gareen mana maree dhimma mootummootaa fi dhaabbilee Addunyaa Atilaantik kaawunsiil for Afrikaa jedhamu hagaayya 31/2016 washngton DC tti
Ameerikaatti Gareen mana maree dhimma mootummootaa fi dhaabbilee Addunyaa Atilaantik kaawunsiil for Afrikaa jedhamu hagaayya 31/2016 washngton DC tti dura taa’aa Koongirasii federaalawaa Oromoo Dr Mararaa Guddinaa fi dura taa’aa samaayaawii paartii Injinar Yiliqaal Geetinnat waliin ,marii bal’aa taasiseera. Marii kanarrattis hooggantoota paartilee siyaasaa kanneen dabalatee hayyoonni fi namoonni adda addaa lammiilee Itoophiyaa ta’an hirmaataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa fi namoonni ...
Read More »Mormiin Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru ammas cimee itti fufee jira.
Mormiin Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru ammas cimee itti fufee jira. Loltonni Agaaziis ummata nagaa irratti dhukaasuu itti fufanii jiru. Magaalota Gondor Kaabaa Dabarq fi Amba Giyoorgis keessatti bifa kanaan duraa irraa bifa adda ta’een loltoota agaazii fi milishoota naanichaa hidhatanii jiran giddutti lolli itti fufee jira. Dabarqitti mormii ummataa guyya roobii kana gaggeeffameen namoonni 4 ajjeeffamanii 17 kan ta’an ...
Read More »Koreen giddu galaa fi hojii raawwachiiftuu Ihadeg qorannoo waggaa 15 jechuun ibsi baase
Koreen giddu galaa fi hojii raawwachiiftuu Ihadeg qorannoo waggaa 15 jechuun ibsi baase gaaffii bu’uuraa ummanni gaafateef deebii kan lane akka ta’e tumsaa paartilee mormitootaa kan ta’e ibsa gidduu kana baaseen beeksisee jira. Rakkoo fi jeequmsa biyyattii keessattii gaggeeffamaa jiruufis paartiin Ihadeg akka itti gaafatamummaa fudhachuu qabu gaafateeera. Paartiin Madrak Hagaya 23 bara 2008 ibsa haala yeroo jechuun baaseen koreen ...
Read More »Mootummaan Jibuutii lammiilee Itoophiyaa dhibbootaan lakka’aman baqatanii biyya sana jiran mootummaa Itoophiyaas dabarsee
Mootummaan Jibuutii lammiilee Itoophiyaa dhibbootaan lakka’aman baqatanii biyya sana jiran mootummaa Itoophiyaas dabarsee akka hin kennine dhaabbanni Mirga namaaf falmu Amnest intenaashinaal gaafate. Baqatonni kunneen dirqamaan gara Itoophiyaatti deebi’u yoo ta’e hidhattoota mootummaa Itoophiyaatiin dararaa fi hidhaa, akkasumas ajjechaan akka irratti raawwatu beeksisee jira. Mootummaan Jibuutii baqattoota dhalootaan Oromoo fi Amaaraa ta’an hedduu hidhee akka jiru kan beeksise Amnet Internaashinaal ...
Read More »Itoophiyaa keessatti aanaaleen 26 naannoolee 6 keesa jiran gara beelaatti seenuun himame.
Itoophiyaa keessatti naanoolee gogiinsaan miidhaman haalli jiru hammaachaa dhufuun aanaaleen 26 kanaan dura beela hin seenne yeroo ammaa akka beelaaf saaxilaman Dhaabbanni Mootummoota Gmatoomanii beeksise. Aanleen kanaan dura sadarkaa 2ffaa irra turan fi sadarkaa gogiinsaa qofaa beekaman beelaaf saaxilamuu qoofaa utuu hin taane dhukkuboota adda addaan illee akka miidhamaa jiran beekame. Gogiinsi Naannoolee Itoophiyaa 6 keessa jiru fooyyaa’insa agarsiisuu dhabuun ...
Read More »Baayyina ummata Itoophiyaa miliyoona 90 ta’u keessaa miliyoona 23 kan ta’u, yaala fayyaa dhukkuba Bilhariziyaa akka barbaadu fii ammaas tatamsa’inni dhukkuba kanaa sadarkaa yaadeessaa irra jiraachuu dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksise.
Biyya dhukkubni bilhariziyaa keessa hin badin keessaa Itoophiyaan tokko yemmuu taatu, tatamsa’ina dhukkuba kana to’achuunf qorichoonni miliyoona 14 gara biyyattii seenuu maddi Oduu Afrikaa niiwus dhaabbata fayyaa addunyaa wabeeffachuun gabaaseera. Qorichi kaampaanii saayinsii fi teeknooloojii Mark jedhamuun gargaarsaan kenname kun barattoota miliyoona 6 gahan yaaluu danda’a jedhameera. Dhaabbanni qoricha kana gargaarsaan kenne akka beeksisetti, dhukkuba bilihariziyaa Itoophiyaa keessa jiru to’achuuf ...
Read More »Hooggantonni Mootummaa gaafii eenyummaa Gondoritti ka’ee shororkeesummaa waliin walqabsiisan jiraattoota Magaalaa Gondor dhiifama gaafachuu qabu jedhame.
Mormii Ummataa naanichatti ka’e hordofuun gidduu kana paartiin naanicha bulcha jiru hooggantonni Biaden marii ummata waliin gaggeessaniin irratti gaaffii ka’een ummata gaaffii mirgaa gaafate shororkesummaan yakkuun dogongora waan ta’eef itti gaafatamuu qabu jedhaniiru. Namoonni bakkicha turan akka ESAT tti himanitti, ummanni gaaffii kaasaniin dubbi himaan mootummaa Geetaachoo Raddaa fi miidiyaaleen mootummaa biyyattii gaafii nagaa ummanni gaafate akka shororkesummaatti himuun, jiraattota ...
Read More »