Hooggantonni Mootummaa gaafii eenyummaa Gondoritti ka’ee shororkeesummaa waliin walqabsiisan jiraattoota Magaalaa Gondor dhiifama gaafachuu qabu jedhame.

Mormii Ummataa naanichatti ka’e hordofuun gidduu kana paartiin naanicha bulcha jiru hooggantonni Biaden marii ummata waliin gaggeessaniin irratti gaaffii ka’een ummata gaaffii mirgaa gaafate shororkesummaan yakkuun dogongora waan ta’eef itti gaafatamuu qabu jedhaniiru.
Namoonni bakkicha turan akka ESAT tti himanitti, ummanni gaaffii kaasaniin dubbi himaan mootummaa Geetaachoo Raddaa fi miidiyaaleen mootummaa biyyattii gaafii nagaa ummanni gaafate akka shororkesummaatti himuun, jiraattota Gondor biratti aarii dabalataa uume jiraachuu beeksisan.
Namoonni nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii himuu hin barbaannee akka ESAT tti himanitti, ummanni waliigalyii sana irra hirmaatan gaaffii gaafataniin, qaamonni mootummaa fi miidiyaaleen gaaffii ummataa akka shororkessaa fakkeessuun dhiheessaa turan dhiifama gaafachu akka qaban hubachisan.
Marii ummataa obbo Barakat Simoon fi pirezdantiin naanichaa obbo Gadduu Andaargaachoo irratti hirmataan fi misensonni paartii Biaden hedduun irratti hirmaatan kana irratti jiraattonni Magaala Gondor akka jedhanitti, gaaffiin bilisummaa fi eenyummaa ummata walqayit deebii argachuu akka qabu gaafatan.
Hooggantoonni naanno Amaaraa gaafii ummanni gaafate laafisanii “gaafii sirrii dha” jedhanii darbu yoo yaalanis jiraatonni dubbi hoogganttoota kanaa addaan kutuun mormii akka itti fufan namoonni argan himaniiru.
Maddeen walgayicha irra turan irra akka hubatametti biaden dhaaba ergamtuu dha jechuun jiraattoota magaalaattii irraa qeeqni adda addaa ka’aa akka ture fi gaaffiin ummata naanicha keessatti yeroo adda addaatti ka’u deebii hatatamaa akka argachuu qabu gaafataniiru.
Yeroo darbe magaaala Gondor keessatti missensota koree ummata walqayit hidhuuf yaalii godhame hordofuun mormii ka’een miseensonni poolisii shan ol ajjeeffamuun ni yaadatama.
Mormii uammata Gondor kanatti aansuun hoggantonni naanichaa Magaala Gondor seenuun jiraattoota mariisisaa jiraachuun beekameera.