Itoophiyaa keessatti aanaaleen 26 naannoolee 6 keesa jiran gara beelaatti seenuun himame.

Itoophiyaa keessatti naanoolee gogiinsaan miidhaman haalli jiru hammaachaa dhufuun aanaaleen 26 kanaan dura beela hin seenne yeroo ammaa akka beelaaf saaxilaman Dhaabbanni Mootummoota Gmatoomanii beeksise.
Aanleen kanaan dura sadarkaa 2ffaa irra turan fi sadarkaa gogiinsaa qofaa beekaman beelaaf saaxilamuu qoofaa utuu hin taane dhukkuboota adda addaan illee akka miidhamaa jiran beekame.
Gogiinsi Naannoolee Itoophiyaa 6 keessa jiru fooyyaa’insa agarsiisuu dhabuun hanga ammaatti aanaaleen 206 gara beelaatti seenuuf sadarkaa lammaaffa qabatanii akka jiran fi aanaleen 154 kan biraannis goggiinsa kanaan akka hubamanii jiran beekameera.
Akka ibsa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti aanaalee beelli keessatti hammachaa jiru kana keessatti dhukkubbonni akka busaa bifa weeraratiin ka’uu akka danda’u sodaa qabu beeksisee jira.
Itoophiyaa keesatti lammiilee miliyoona 10 yeroo ammaa beela’anii jiraniif doollarri biliyoona tokko akka barbaachisu fi kunis argamuu dhabuun hojii gogiinsa kana ittisuu irratti dhiibbaa akka uume dhaabiileen gargaarsaa adda addaa ibsaa jiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka ibsetti hanga ji’a dhufuu qofaatti namoota beela’aniif doolarri miliyoona 700 hatatamaan akka barbaachisu irra deebiin beeksiseera.
Balaa gogiinsa kanatti dabalataan balaa lolaatiin lammiileen qe’ee isaanii irra buqqa’an dabalaa waan jiraaniif hojii gargaarsaa irratti dhiibba uumaa jira.
Hanga waxabajji darbee qofaatti lammiileen kuma 630 balaa lolatiin qe’ee isaanii irra akka buqqa’an fi hanga ji’I gannaa biyyatti xumuramutti namoonni balaa kanaaf saaxilaman dabaluu akka danda’u jedhamee sodaatamaa jira.
Qondaaltonni Mootummaa gama isaanitiin, akeekachiifni fi ibsi dhaabbiileen gargaarsaa baasaa jiran kan itti dabalata qabuu dha jechuun qeeqaa jiraachu gabaasi kun ni mul’isa.