Baayyina ummata Itoophiyaa miliyoona 90 ta’u keessaa miliyoona 23 kan ta’u, yaala fayyaa dhukkuba Bilhariziyaa akka barbaadu fii ammaas tatamsa’inni dhukkuba kanaa sadarkaa yaadeessaa irra jiraachuu dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksise.

Biyya dhukkubni bilhariziyaa keessa hin badin keessaa Itoophiyaan tokko yemmuu taatu, tatamsa’ina dhukkuba kana to’achuunf qorichoonni miliyoona 14 gara biyyattii seenuu maddi Oduu Afrikaa niiwus dhaabbata fayyaa addunyaa wabeeffachuun gabaaseera.
Qorichi kaampaanii saayinsii fi teeknooloojii Mark jedhamuun gargaarsaan kenname kun barattoota miliyoona 6 gahan yaaluu danda’a jedhameera.
Dhaabbanni qoricha kana gargaarsaan kenne akka beeksisetti, dhukkuba bilihariziyaa Itoophiyaa keessa jiru to’achuuf qoricha dhiheessuun qofti furmaata waan hin taaneef qaamonni dhimmichi isaan ilaalatu gahee gama isaanii bahuu akka qaban gaafateera.
Itoophiyaa dabalatee biyyonni Afriikaa Sahara gadi jiran dhukubni kun keesatti mul’atu wagga waggaadhaan namoonni kuma 200 kan du’an yemmuu ta’u, dhukkubni Bilhariziyaa bishaan qulqullinni isa hin eegamneen kan dhufu akka ta’e beeksisee jira.
Dhukkubni naanoolee Itoophiyaa keesummaa hanqina bishaanii qaban keessatti kan hedduumaatu yemmuu ta’u, namoota dhukkuba kanaan hubaman keessaa daa’imman warra jalqabaa akka ta’an beekameera.
Dhukkuba kana Ittophiyaa baalleessuf waggoota hedduudhaaf yaaliin adda addaa godhamaa yoo turees hanga ammaatti dhukkubni kun namoota hedduu balaaf saaxilaa akka jiru dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksise.
Waggoota 4 darban qofaa dhukkuba kana dhabamsiisuuf qorichonni miliyoona 43 kan raabsaman yoo ta’e illee hanga ammatti daddarbiinsa dhukkuba kanaa to’achuuf tattaaffii dabalataa akka barbaachisu himameera