Mormiin Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru ammas cimee itti fufee jira.

Mormiin Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru ammas cimee itti fufee jira.
Loltonni Agaaziis ummata nagaa irratti dhukaasuu itti fufanii jiru.
Magaalota Gondor Kaabaa Dabarq fi Amba Giyoorgis keessatti bifa kanaan duraa irraa bifa adda ta’een loltoota agaazii fi milishoota naanichaa hidhatanii jiran giddutti lolli itti fufee jira.
Dabarqitti mormii ummataa guyya roobii kana gaggeeffameen namoonni 4 ajjeeffamanii 17 kan ta’an immo madda’aniiru.
Jiraattonni magaalttii wiixata darbes konkolaataa zayitaa fi miidhaan fe’ee ture dhaabbuun zayitii fi miidhaan inni fe’ee ture ummataaf akka hiramu erga godhamee booda konkolaaticha gubaniiru.
Haala sana hordofuun ajjechaa loltonni rawwaraniin namoonni kan ajjeeffaman yemmuu ta’u, ummannis gocha ajjechaa sana halo bahuuf, mana hooggannaa nageenyaa magaalattii fi hidhattoota lamaa gubaniiru.
Haala sanatti kana aaran loltonni agaazii, manguddoota biyyaa, daa’imman fi dubartoota utuu hin jedhin jiraattota hundaa reebaa oolaniiru.
Magaala Amba Giyoorgisittis qonnaan bultonni milishoota naanno hidhatan waliin ta’uun, poolisootatti dhukaasa oolaniiru.Haala sana hordofee haattii mucaa ishee barbaacha baate tokko rasaasaan yemmuu ajjeeffamtu, lola sanaan poolisonni 8 fi qonnaan bultonni 12 madda’aniiru.
Magaala Gayintti tti immo jiraattoni magaalatti waliin ta’uun, loltoota agaazii Walloo dha ka’an gara Gojjam fi Gondoritti akka hin darbine gochuuf riqicha tokko cabsuun loltootatti daandii cufaniiru.
Loltonni raayya ittisa biyya heddumina qaban gara naannoo Amaaraa akka seenee tarkaannfii akka fudhatu ajajamuu isaa hordofuun jiraattonni mormii isaanii gara mana keessatti deebisuu irra kan ka’e magaalota naanichaa keessatti sochiin jiru akka hin mul’anne himamaa jira.
Magaalonni Amaaraa hedduun namoota of keessaa filee akka of bulchaa jiru kan beekame yemmuu ta’u, murtoowaan ummata fayyadan akka murteessaa jiran beekameera.
Gondor kibbatti milishoonnni naannoo kan Biaden ta’an kaffaltiin durgoo ol aanaan kaffalameef dargaggoota akka miidhaa jiran yemmuu ta’u, ummanni akka gocha kana irra dhaabbataniif akeekachiisa kennee jira.
Magaalaa Bahir Darittis, miseensonni Biaden tokko tokko dargaggoota baasasanii akka eera jiran waan beekameef jiraattonni magaalatti of eeggannoo fi akeekachiisaa kennaa jiraachuun beekameera.
Yunivarsitii Gondor keessaa barnoota gannaa kana baratan barattonni kuma 21 tti tilmamaman moora sana gad dhiisanii bahuun gara dhufantti deebi’aniiru.