Mootummaan Jibuutii lammiilee Itoophiyaa dhibbootaan lakka’aman baqatanii biyya sana jiran mootummaa Itoophiyaas dabarsee

Mootummaan Jibuutii lammiilee Itoophiyaa dhibbootaan lakka’aman baqatanii biyya sana jiran mootummaa Itoophiyaas dabarsee akka hin kennine dhaabbanni Mirga namaaf falmu Amnest intenaashinaal gaafate.
Baqatonni kunneen dirqamaan gara Itoophiyaatti deebi’u yoo ta’e hidhattoota mootummaa Itoophiyaatiin dararaa fi hidhaa, akkasumas ajjechaan akka irratti raawwatu beeksisee jira.
Mootummaan Jibuutii baqattoota dhalootaan Oromoo fi Amaaraa ta’an hedduu hidhee akka jiru kan beeksise Amnet Internaashinaal baqattoota Itoophiyaa humnaan gara biyyatti deebisuun akka itti fufee jirus beeksiseera.
Keessummaa Adoollessa 30 fi Hagayya 1 bara 2008 mormii Ormiyaa fi Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffame hordofuun baqatoonni hedduun Jibuutii keessatti koolugaltummaa akka gaafatanii jiran kan beekame yemmuu ta’u, mootummaan Itoophiyaa akka gara biyyatti deebi’aniif mootummaa Jibuutii waliin hojjechaa jiraachuu gabaasi Amnest Internaashinaal ni mul’isa.
Mootummaa Itoophiyaa lammiilee biyya alaa jiran hiriira biyya keessa qindeessu jechuun akka himatu kan beeksise gabaasi kun, dhalattonni Oromoo fi Amaaraa kanaan dura Jibuutii dha qabamanii deebi’an hidhattotaa mootummaatiin miidhaan akkamii akka irra gahe hubachuu akka hin dandeenye beeksisee jira.
Baqattoota gara biyya isaanii irra baqatanitti humnaan deebisuun seera addunyaa cabsuu waan ta’eef, gocha mootummaa Jibuutii kana akka mormu ibseera.
Haaluma kanaan Mootummaan Jibuutii namoota hidhee jiru akka hiiku fi lammiilee gara Itooophiyaatti deebisuuf qopheesse mirga koolugaltummaa isaanii eeguun akka keessummeessu Amineest Internaashinaal gaafateera.
Kun ittuu kanan jiru, Lammiilee Itoophiyaa dabalatee baqatoonni 816 to’annoo jala oolan
Daangaa Sudaan fi Liibiyaa irraan gara biyyoota Awuroophaa adda addaatti seeraan ala imalaa jiru kan ittiin jedhame baqattonni hedduun to’annoo jala oolaniiru.
Itoophiya dabalatee biyyoota Afriikaa 80 keessaa baqatonni babahan to’annoo jala akka oolan qondaaltonni nageenyaa Sudaan beeksisanii jiru.
Baqattoota kanneen keessaa 347 lammiilee Ertiraa, 130 kan ta’an lammiilee Itoophiyaa akkasumas 90 kan immoo lammiilee Sudaan yemmuu ta’an namoonni seeraan ala nama dadabarsan 10 erga poolisoota waliin walitti bu’anii booda to’annoo jala akka oolan AFP n gabaasee jira.
Loltoota Mootummaa Sudaan fi garee seeraan ala namoota dadabarsan giddutti lola gaggeeffameen loltonni Sudaan sadii akka ajjeeffaman kan beekame yemmuu ta’u, namoonni qabaman kunneen utuu gara biyya isaaniitti hin deebi’in dura akka Sudaan keessatti himanni irratti banamu mootummaan Sudaan ibseera.
Mormii Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiruun dargaggonni hedduun gara biyyoota Arabaa fi biyyoota Awuroophaatti akka baqatan komishiniin mirga namoomaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii kanaan dura ibsee jira.
Hoogganaan koomishinii Gamtaa Awuroophaa, Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa fi biyyoota baha giddu gala waliin michummaa uumuun baayyina baqatoota gara Awuroophaatti imalanii hir’isuuf gargaarsa doolara biliyoona 70 akka godhan beeksisuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.