Koreen giddu galaa fi hojii raawwachiiftuu Ihadeg qorannoo waggaa 15 jechuun ibsi baase

Koreen giddu galaa fi hojii raawwachiiftuu Ihadeg qorannoo waggaa 15 jechuun ibsi baase gaaffii bu’uuraa ummanni gaafateef deebii kan lane akka ta’e tumsaa paartilee mormitootaa kan ta’e <> ibsa gidduu kana baaseen beeksisee jira.

Rakkoo fi jeequmsa biyyattii keessattii gaggeeffamaa jiruufis paartiin Ihadeg akka itti gaafatamummaa fudhachuu qabu gaafateeera.

Paartiin Madrak Hagaya 23 bara 2008 ibsa haala yeroo jechuun baaseen koreen giduu galaa Ihadeg qoranno gaggeeseen fedhii fi gaaffii ummataa cinatti dhiisuun gaaffii uammnni sirna abba irrummaa isaa mormuun gaggeessaaa jiru salphisee kan ilaale fi dabballota isaa bakka bakkatti jijjiruuf hojii gaggeessaa jiru malee gaaffii ummataaf deebii kan kennu akka hin taane beeksisee jira.

Ihaeg rakkoolee umame kophaa koon hiika itti kenna jechuun dhaabiilee biraa badiif kakkaaasuu dha kan jedhe Madrka, gaaffiin ummanni kaasan qaama rakkoo sana uume Ihadegiin hiika argata jedhanii amanuun gowwummaa akka ta’es beeksisee jira.

Gaafiin sabummaa fi dimookiraasii ummanni kaase kabajamuu akka qabu fi gaafiin haqummaa fi bilisummaa akkasumas paartii hin filanneen hin bullu jedhu gaafii sirrii fi deebii argachuu qabu akka ta’e Madrak akka itti amanus ibsa baaseen mirkanneessee jira.

Murtiin ihadeg gaaffii ummataa jedhee baase, ummataaf deebii akka hin taane fi akka amala paartii ihadeg irra hubatamaa jiruttis gara fuula duraatti deebii argata jedhanii akka hin eegne himanii jiru.

Moormii ummanni sirna sana jibbuun gageesaa jiru sochii misoomni biyyattii fidee jedha jechuun gaaffii ummatattii qoosuu akka ta’es beeksisee jira.

Gaaffiin ummataa beekamee utuu jiruu of tuultota, dhiphoota, ergamtootaa shaabiyaa fi diinota Itoophiyaa jechuun ummata arrabsuun tuffii sirni kun ummataaf qabu ta’uu madrak beeksisee jira.

Madrka dhimmoota akka furmaatatti kaa’ee keessaa heerri biyyatti akka kabajamu, lammiileen biyyatti kumootaan lakaka’aman haal duree tokko malee akka gad dhifaman,ajjeechaa fi gooliin ummata irratti raawwachaa jiru akka dhaabbatu,akkasumas mootummaan lubbuu namaa fi qabeenya balleesseef kaasa akka kaffalu gaafateera.

Badiin lubbuu fi qabeenyaa ummata irratti raawwate qaama bilisaa asadarkaa addunyaattiin akka qulqullaa’u akkasuams paartiin amma biyyatti bulchaa jiru paartiilee mormitoota bifa haqa qabuun ummata tajaajilan waliin hatatamaan akka mari’atu gaafateera.

Ihadeg ibsa dhaabatummaa baaseen, paartiilee mormitootaa ilaalchisuun waamichas ta’e mariif akka barbaadu irratti ibsi kenne hin jiru.