AFAAN OROMO Text

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti jirattoonni manni isaanii maqaa misoomaatiin jala diigame mootummaan waada nuuf gale hin kabajne jechuun komatan

Bulchiinsa magaala Finfinneetti, jiratoonni naannoo Amerikaan Gibbii jedhamuu beekamu jiiratan mannii isaanii maqaa misoomaattin jala akka diigamee himaniiru. Mootummaan lafa mana itti ijaaratn jijjiraan akka isaaniif kennuu waada galuus hanga ammaatti hojiirra oolchuu hin dandeenye jechuun komatan Waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa isaanii mirkaaneessuu akka qaban Jiiratoonni kunniin himaniiru. Lafti mana irratti ijaaratan jijjiraan waan isaaniif hin kennamneef rakkoolee hawaasummaaf saaxilamusaanii ...

Read More »

Naannoo Gambeellatti dhaabbilee maqaa misoomaatiin lafa fudhatan keessa 29 bakki isaan jiran hin beekamu jedhameera.

Naannoo Gambeellaatti dhaabbilee maqaa Invastimantii qonnaatiin lafa fudhatna keessaa 29 eessaa akka jiran akka hin beekamne koreen haala kenninisa lafa fi rakkoo jiru akka qoratuuf hundeeffamee beeksiiseera. Naannichaatti abbootii qabeenyaa 623 lafa invastimantii Qonnaa fudhatan keessaa lafa heektara kuma 45 ol abbootii qabeenyaa 381f wal irratti akka kennameef koreen kun mirkaneesseera Abbootiin qabeenyaa lafti wal irraatti kennameef Baankii Misoomaa fi ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Namoota kuma sagaalii ol mana hidhaatii akka gadi dhiisuu beeksiiseera.

Labsii yeroo hatattamaatinNamoota moora waraanaa shan keessatti hidhamanii turan keessaa 9800 akka gadi dhiifaman Ministirri Ittisaa fi barreesan Komand Poostii Siraaj Fargeessaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru. Namoonni kunniin wayita hidamanii turaniitti leenjii gahaa ijaarsa humnaa fi ilaalchaa waan kennameef nageenya biyyaatti mirkaneessuu keessatti gahee guddaa akka gumaachaan kan dubbatan qondaallii mootumma kun , Hidhamtoonni seeraan gaafatamuu qaban immoo seeraan ni ...

Read More »

Maalaawwiin baqqattoota lammiilee Itoophiyaa seeraan Alaa gara daangaa ishee seenaan gara biyyaatti deebisuu beeksistee jirti

Waggoota laman darban lakkofsi lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daangaa qaxxamuruun gara Maalaawwii seenaan dabalaa akka dhufee qondaltoonni biyyaatti sirna kabaja Guyyaa Baqattoota Addunyaa irratti himaniiru. Baqqattoota Itoophiyaa 100 ol manneen hidhaa keessa turan gara biyyaatti akka deebi’an taasfamuu isaanii gaazeexxan Maalaawwii Niyaasaa Laand jedhamu gabaaseera Dhaabbileen Maalaawwii Mirga namoomaaf falman baqqattoonni Itoophiyaa manneen hidhaa biyyaatti keessa jiran nyaata gahaa dhabuu ...

Read More »

Pirojektiin Buufata Doonii Lamuu Itoophiyaa fi Keeniyaan wajjiin misoomsuuf waliigalan hanqina baajeta muuddate jedhameera

Pirojektiin Buufata Doonii Lamuu Itoophiyaa fi Keeniyaan Wajjiin misoomsuuf waliigalteerra gahaan kun Afriikaa keessa isa gudddaa dha jedhameera. Pirojektii Buufata doonii Lamuu kun keeniyaatti argamaa. Pirojektii kana misoomsuuf biyyoonni laman waliigaltee mallatteesanis hanqina baajeta waan qunnameef hanga yaaddameen hojjatamaa akka jire gaazeexaan Keenyiyaa Zaa Staar(The Star) jedhamu gabaaseera. Minsittirri Muummee Itoophiyaa duraanii Mallaas Zeenaawii fi Pirizidantiin Keeniyaa duraanii Moyaayii Kibaakii ...

Read More »

Itoophiyaan Looltoota ishee dhunfaadhan Sumaaliyaatti bobbastee turte ji’a dhufu guutumaatti akka baastu beeksiiste.

Itoophiyaan Loltoota ishee dhuunfaan gara Sumaliiyaatti bobbaste muraasni filaannoo Pirizidaantummaa biyyaatti akka tumsaniif jecha akka turan dhaabbanni Televizhiinii Firaans 24 jedhamu qamoolee gara gara waabeffachuun gabaaseera Itoophiyaan akka lakkofsa wara faranjoota muddee 2006 jalqabee loltoonni ishee lakkofsi isaanii hin beekamne gara Sumulaayaatti bobbasuun ni beekama. Yeroo dhiyeenyaan booda garuu sababa adda addaa dhiyeessuun looltoota ishee baasaa jirti. looltoonni Ittophiyaa baay’een ...

Read More »

Naannoo Oromiyaatti Balaa hoongee haaraattii beelladoonni baay’een du’aa jiru.

Godinaalee Naannoo Oromiyaa balaa hoongeetiif saaxilamanitti beelladoonni baay’een du’aa akka jiran himameera. Ministeerri Qonnaa fi Qabeenya Umaammaa rakkoo kana furuu bakka biraatii bishaanii fi nyaata beelladoota dhiyeessaa akka jiru beeksiiseera. Balaa hongee godinaalee Oromiyaa, Affaar, Sumaalee fi Ummattoota kibbaa qaqqabee beelladoota miidhaa kan jiru yoo ta’u, yeroo muraasaan booda namoota naannoo sani jiraataan akka soodachisu himameera. Dhaabbaanni Mootummoota Gamtomaanii namoota ...

Read More »

Parlaamaan Gamtaa Awurrooppaa hidhamuu Dr Maraaraa Guddinaa ilaalchisee ibsa gaha akka kennuuf Mootummaa Itoophiyaa gaafate

Pirizidaantiin Parlaamaa Gamtaa Awurrooppaa Martin Schulz xalayaa pirizidaantii Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaatiif bareessaniin, hidhamuun Dr Maraaraa Guddinaa akka isaanii Yaaddeessee beeksiisaniiru. Parlaamaan Gamtaa Awurrooppaa yakkii Dr Maraaraan ittin himataman akka ibsamuuf barbaada jedhan. Dr Maraaraan kan hidhaman ji’a Sadaasa guyyoota muraasaaf Biraasilis turaniitti, miseensoota parlaamaa gamtaa Awurrooppaa wajjiin mari’atanii gara biyyaatti wayita deebi’aan akka ta’ee xalayaa isaanii kanan yaadachisaniiru. Dr ...

Read More »

Mootummaan Itiyoopiyaa sarbamuu Mirga Namoomaa Dhoksuuf tajaajila Interneetii akka cufee Aminstii Internashiinaal beeksiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa tarkaniiffii seeraan alaa loltoonni mootummaa ummataa irraatti fudhatan uwwisa miidiyaalee akka hin arganeef caasaalee oduu toora Interneetii 16 akka cufe Amnestii Internaashinaalii gabaasa baseen beeksiiseera. Tarkaniiffii Mootummaan Itoophiyaa caasaalee toora interneetii dabalatee, tajaajila Interneetii gutumaatti cufuu fi to’aachuuf fudhateen, paartii mormitoota fi qamooleen mirga namoomaaf falmaan miidhhaf saaxilamuu isaanii qorannaan Amnestii Internaashinaalii Jarmiyaa Observatory of Network Interference jedhamu ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa tekeneloojii toora Interneet basaasuuf gargaaru diippii Paakkeet Inspekeeshiin (Deep Packet Inspection) ja’mu fayyadamaa jira ja’me.

Tekeneloojiin diippii Paakkeet Inspekeeshiin kun hojiilee nageenyaa wajjiin wal qabatee hojjatamuuf kampaaniiwwaan addunyaa garaagaraatin kan dhiyaatudha. Haa tahuutii garuu, Mootummaan Itoophiyaa tajaajila tekeneloojii kanaa tajaajila interneetii basaasuu fi tohaachuuf akka itti fayyadamu Amnestii Internaashinaal beeksiiseera Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa toora Interneeti mootummaan cufaman akkasumsa tajaajila interneetii fayyadamuun erga namoonni gara Imeeliitiin waliif ergan hordofuuf itti fayyadama akka jiru dhaabbanni mirga ...

Read More »