Mootummaan Itoophiyaa tekeneloojii toora Interneet basaasuuf gargaaru diippii Paakkeet Inspekeeshiin (Deep Packet Inspection) ja’mu fayyadamaa jira ja’me.

Tekeneloojiin diippii Paakkeet Inspekeeshiin kun hojiilee nageenyaa wajjiin wal qabatee hojjatamuuf kampaaniiwwaan addunyaa garaagaraatin kan dhiyaatudha. Haa tahuutii garuu, Mootummaan Itoophiyaa tajaajila tekeneloojii kanaa tajaajila interneetii basaasuu fi tohaachuuf akka itti fayyadamu Amnestii Internaashinaal beeksiiseera
Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa toora Interneeti mootummaan cufaman akkasumsa tajaajila interneetii fayyadamuun erga namoonni gara Imeeliitiin waliif ergan hordofuuf itti fayyadama akka jiru dhaabbanni mirga namoomaaf falmuu beeksiiseeti jira.
Tekeneloojiin kun odeefaannoo bilbilaa harkaa irra jiru karaa salphaadhaan tohaachuu fi hordofuuf akka gargaaru bareeffama waayee tekeneloojii kana ilaalchisuun bareeffamee jiri irraa hubachuun dandahameet jira.
Itoophiyaa keessatti Kampaaniiwwaan Bu’uuraalee tekeneloojii misooma bilbilaa babal’isaa jiran Hu’aawee dabalatee Nookiyaa, Eriksoon,Siskoom Sisteem fi dhaabbileen tekeneloojii 19 tahan tekeneloojii diippii Paakkeet Inispekeeshiin ja’mu kana dhiyeessa akka jiran beekameet jira.
Tekeneloojiin biyyaa Chaayiinaa Hu’aawwee ja’amu waggoota muraasaan dura ifiif liiqii dhiheessuun bu’uura misoomaa bilbilaa dolaarii miiliyoona lamaa babal’isuuf mootummaa Itoophiyaa wajjiin waliigaltee mallatteeysuun isaa ni yaadatama.
Waggaa tokkoon dura mootummaan Itoophiyaa tekeneloojii tajaajila Interneetii basaasuuf isaa garagaaru Yuuroo miiliyoonaa tokkoon kaampaanii Xaaliyaanii tokko irraa bitaa akka jiru gaazeexaa Waashingtaan Poost dabalatee miidiyaaleen addunyaa gabaasaa akka turan ni kan yaadatamuudha.