Parlaamaan Gamtaa Awurrooppaa hidhamuu Dr Maraaraa Guddinaa ilaalchisee ibsa gaha akka kennuuf Mootummaa Itoophiyaa gaafate

Pirizidaantiin Parlaamaa Gamtaa Awurrooppaa Martin Schulz xalayaa pirizidaantii Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaatiif bareessaniin, hidhamuun Dr Maraaraa Guddinaa akka isaanii Yaaddeessee beeksiisaniiru. Parlaamaan Gamtaa Awurrooppaa yakkii Dr Maraaraan ittin himataman akka ibsamuuf barbaada jedhan.
Dr Maraaraan kan hidhaman ji’a Sadaasa guyyoota muraasaaf Biraasilis turaniitti, miseensoota parlaamaa gamtaa Awurrooppaa wajjiin mari’atanii gara biyyaatti wayita deebi’aan akka ta’ee xalayaa isaanii kanan yaadachisaniiru.
Dr Maraaraan kan hidhamaniif qamoolee mootummaan Itoophiyaa shoroorkestoota jedhu wajjiin mari’ataniiru jechuun akka ta’ee Imbaasii Itoophiyaa Biraasilis jiru irraa akka itti himanee beeksiisaniiru.
Garuu Dr Maraaraan miseensoota Parlaamaa Awurrooppaa wajjiin mari’atanii gara biyyaatti wayita deebi’aan waan ta’eef,yakkii ittiin himataman marii gamtaa parlaamaa Awurrooppaa wajjiin walitti dhufeenya yoo qabatee akka ibsamuuf gaafataniiru
Xalayaa Pirizidaantii Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaatiif bareessaniin, Parlaamaan Awurrooppaa mana dimokiraasii sagaalee adda addaa Mootummoota Biyyoota Alaa fi Bakka Bu’oota Paartiilee Mormitoota itti dhaga’amu akka ta’e isin yaadachiisuun barabaada jedhan .
Walitti dhufeeny Parlaamaa Gamtaa Awurrooppaa fi Mootummaa Itoophiyaa gidduu jiruu akka itti fufuuf haalaa Dr Maraaraan irraa jiranii fi yakkii itti himataman akka isaaniif ibsammu Pirizidaantiin Gamtaa Parlaamaa Awuurrooppaa Mootummaa Itoophiyaa Gaafataniiru.