AFAAN OROMO Text

Itoophiyaatti sababa hanqinaa maallaqaatiin midhaan nyaataa gahaa argachuu akka hin dandeenyee dhaabbannii mootummoota gamtomaanii beeksiiseera

Gargaarsi haawasni addunyaa biyyaattiif kennu yeroon waan hin qaqqabneef naannoo ummattoota kibbaatti ogeessoota fayyaa bobbaasuun akka hin danda’amne dhaabbatich himeera . Balaan hoongee kuniis kan yeroo kamuu caalaa yaadeessa akka ta’e dhaabbatich beeksiiseera Dhaabbanni Mootummoota gamtomaanii fi Mootummaan Itoophiyaa ji’a laman dura balaa hongee kan damdamachuuf gargaarsa dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatuuf hawaasa addunyaatiif waamicha deeggarsaa dhiyeessaniis deebii qubsaa argachuu hin ...

Read More »

Qala’insi gatii Itoophiyaa ji’a Guraandhalaa dhibbentaa 0.9 akka dabalee Ejeensiin Satatiksii guddugaleessa beeksiiseera

Waliigalaatti qala’insii gatii ji’a Guraandhalaa dhibbentaa 7.0 irra gahuusa Ejeensiin Statiksii giddugaleessa beeksiisuusa miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru Qala’insi gatii kun ji’a darbee dhibbeentaa 6.1 irra kan ture yoo ta’u,amma immoo gara dhibbeenta 7 ol guddateera . Haalumaa kanan qala’insi gatii kan ji’a Guraandhalaa 0.9 akka dabalee ejeensich beeksiiseera. Ji’a Guraandhalaatti qala’insi gatii omiishaalee nyaataa wajjiin walqabatu dhibbeenta 7.8 irra gaheera. Qala’insi ...

Read More »

Waraqsi biyyooleessa Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa wajjiin magaala Washington DCtti mari’ateera

Waraqsi Biyyooleessa Itoophiyaa Paartiilee Afur dhiyeenya hundeffame kun rakkolee gama hundan yeroo amma Itoophiyaa keessa jiru itti fufinsaan furuuf lammiileen Biyyaatti ogummaa fi humna isaaniitiin gumaachuu akka qaban waamicha dhiyeessera. Paartiileen Addi Dimokratawaa ummata Oromoo, Arbanyooch Ginboot Sabaat, Paartii Ummata Affaar fi Waraqsi Dimokirataawaa Ummata Sidaamaa lammiilee Itoophiyaa waamichi taasfameef wajjiin marii gaggeessani, lammiileen Itoophiyaatiif tokkummaan fi mormii ummata Itoophiyaa ...

Read More »

Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa biyyoota addunyaa 200 irratti xiyyeeffachuun Gabaasa Mirga Namummaa bara 2016 baaseera.

Gabaasni Ministeriich wagga waggaan baasuu kun seera mirga namaa sadarkaa addunyaatti tumamee fi waliigaltewwaan adda addaa mirga dhala nama ilaalchisuun irra gahameerratti hunda’uudhaan akka ta’ees beekameera. Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa haala mirga nama Itoophiyaa ilaalchiisuun gaabsa mirga nama baaseen loltoonni mootummaa namoota hiriira nagaa bahaanirratti tarkaniiffii humna olii fayyadamuun namoota baay’ee ajjeessaniiru. Hiriirri Mormii kun irra caalaa naannoo Oromiyaa fi ...

Read More »

Moozaambik Lammiilee Itoophiyaa baqattoota seeraan alaa ittiin jette 36 to’annoo jala olchuu beeksiste.

Lammiileen Itoophiyaa baqqattoota Seeraan alaa jedhamanii shakkaman 36 bakka itti dhokatanii jiraatan kaaba bulchiinsa Nampuulaatti to’aannoo jala akka oolan Poolisiin Moozambik beeksisuusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru. Lammiileen Itoophiyaa 36 kaaba bulchiinsa Nampuulaa naannoo Mikontaa jedhamuu erga jiraattonni naannichaa odeeffannoo poolisiif kennanii booda mana tokko keessaa akka qabaman dubbi himaan Poolisii Zakkaari’aas Nakuutii himaniiru. Lammiilee Itoophiyaa Baqqattoota seeraan alaa jedhaman kanniin gara ...

Read More »

Baqqattoonni irra caalaa lammiilee Itoophiyaa ta’anii fi lammiileen Ertiraa fi Sumaliiyaa kuma 500tti dhiyaatan Sudaan keessa akka jiran Gamtaan Awurooppaa beeksise.

Sarbamuu mirga namoomaa mootummaan sudaan tibbana baqqattoota Itoophiyaa fi Ertiraa Biyyattii keessa jiran irratti raawwatee wajjin walqabatee Gamtaan Awurooppaa gargaarsa maallaqaa mootummaa Sudaaniif baqqattoota akka to’atuuf kennu akka dhaabu gaafatamaa tureera. Haa ta’u malee, Gamtaan Awurooppaa hanga ammaatti gargaarsi maallaqaa mootummaa Sudaaniif kenne akka hin jirre beeksiseera. Humnoonni daangaa Sudaan to’atan yeroo dhiyeenyaa as lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa daangaa Sudaan qaxxaamuranii ...

Read More »

Itoophiyaan hidhattoota 13 hidha Haaromsaa irratti haleellaa raawwachuuf karoorfatan ittiin jedhe dhiyeenya magaalaa Asoosaatti akka ajjeese beeksise.

Hidhattoota 13 hidha haaromsaa irratti haleellaa raawwachuuf karoorfatanii socha’aa jiran naannoo magaalaa Asoosaa dhiyeenya pirojektii hidha haaromsaatti looltoota mootummaan akka barbaada’an Itti-Aanaa hogganaan waajjira dhimmoota komunikeshinii Itoophiyaa Obbo Zaadig Abrahaa beeksisaniiru. Walitti bu’iinsi looltoota Mootummaa fi Hidhattoota naannoo Beenishanguul Gumuz kun dhiyeenya pirojektii hidha haaromsaatti akka ta’e dubbataniiru. Naannoon Pirojektii hidha haaromsaa kun Geejjiba lafaa fi qilleensaatiin qaama eyyamameef malee ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa Guyyaa Injifannoo Aduwaa waggaa 121 ffaa kabajan.

Waggaa 121ffaa lammiileen Itoophiyaa weerara mootummaa Xaaliyaanii adda waaraana Aduwaa irratti injifatan guyyaa kamisaa magaalaa Finfinneetti kabajamee oleera. Sirna kabajaa kana irratti kutaaleen hawaasa adda addaa akka argaman odeffannoon biyya keessaa argame ni mul’isa. Abbootiifi hadholiin Sirna kabaja guyyaa injifannoo Aduwaa kanarratti argaman dhaloonni ammaa injifannoo argame kana eeguun dhaloota dhufuuf seenaa isaa osoo hin jijjirin dabarsuu akka qabu hubachiisaniiru. ...

Read More »

Weeraara Daangaa babal’ifachuu saba Oromoo irratti gahaa jiru ilaalchisuun Koree Qindeessituu Jaarmiyaalee Bilisummaa Oromoo Afur ibsa basan.

Jaarmiyaaleen Bilisummaa Uummata Oromoo Karaa koree Qindeessituun ibsa baasan kunniin Adda Demokraatawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo “T” (ABO) fi Kallacha Walabummaa Oromoti. Mootummaan Itoophiyaa Adda Bilsummaa Uummata Tigraayiin hogganamu mormii bulisummaa fi abbaa biyyummaa uummanni Oromoo ji’a Sadaasa 2015 hanga onkololessa 2016 karaa nagaa fi naamusa gaariin dhageessiseen raafamaa akka ture ibsi Koree qindeessituu Jarmiyaalee Bilisummaa Oromoo ...

Read More »

Gargaarsa Maallaqaa yeroo hatattaama dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Ummataa naannoo Sumaalee balaa hoongeetiif saaxilamaniif ramadee

Naannoo Sumaaleetti Jirattoonni Godinaalee sagalaan keessa jiraatan balaan hoongee cimaaf saaxilamaa akka jiran dhaabbannii mootummoota gamtoomaanii beeksiiseera Dhaabbaatich bajeeta garagaarsa yeroo hatattaamaaf qabate keessa dolaariin miiliyoona 18 balaa hongee naannoo Sumaalee muuddatee kana damdamachuuf akka oolu ramadusa beeksiiseera Garagaarsi maallaqaa kun erga ramadamee booda mootummaan Itoophiyaa midhaan nyaataa meetrik toonii kuma 100 fi kuma 41 kuusaa midhaanii of-eeggannoo keessa gara ...

Read More »