Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa biyyoota addunyaa 200 irratti xiyyeeffachuun Gabaasa Mirga Namummaa bara 2016 baaseera.

Gabaasni Ministeriich wagga waggaan baasuu kun seera mirga namaa sadarkaa addunyaatti tumamee fi waliigaltewwaan adda addaa mirga dhala nama ilaalchisuun irra gahameerratti hunda’uudhaan akka ta’ees beekameera.

Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa haala mirga nama Itoophiyaa ilaalchiisuun gaabsa mirga nama baaseen loltoonni mootummaa namoota hiriira nagaa bahaanirratti tarkaniiffii humna olii fayyadamuun namoota baay’ee ajjeessaniiru.
Hiriirri Mormii kun irra caalaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti gaggeeffamaa akka ture gaabsni mirga namaa Ministeerri dhimma Alaa Amerikaa baasee kun yaadachiiseera.
Hanga Xumra waggaatti lammiileen biyyaatti kuma 10 lakkawaman akka hidhaman gaabsni kun ni mul’isa. Lakkofsi namoota hidhamanii kun erga labsiin yeroo hatattaamaa labsamee booda qabamanii kan hidhamniis akka dabalatu beeksiiera.
Namoonni hidhaman baay’een mana murtiitti akka hin dhiyaanne, gorsa seeraa akka hin argannee dhoorkuu fi yakkaa shororkeessummaan himatamuu jedha gaabasni kun.
Tarkaniiffii humna looltoonni mootummaa fudhataniin namoonni 500 ol akka ajjeeffaman dhaabbannii mirga namaaf falmu Human Rights Watch hagayyaa 10 beeksiisee akka ture gabaasni waggaa Ministeera Dhimma Alaa Amerikaa mirga namaa irratti xiyyeeffachuun baasee kun ni mul’isa .
Dhaabbanni mirgaa nama mootummoota gamtoomaanii ogeessota isaa gara naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti ergee akka qulqulleeffatuuf gaaffiin mootummaa Itoophiyaa dhiyeese ture jedha gabaasich. Garuu Mootummaa Itoophiyaa irra fudhatama akka hin arganee Ministeerri dhimmaa Alaa Amerikaa gabaasa kanan yaadachiiseera.
Ayyaanna Irreechaa irratti namoonni ayyaanichaa kabajuuf bahaan baay’een akka du’an gaabsni kun ni mul’isa. Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Amnesty International Sadaasa 9 gabaasa baaseen ji’a sadaasa bara 2015 jalqabee nammoonni 800 ol akka ajjeeffaman beeksiiseera.
Dhaabbanni Mit-Mootummaa Kawunsiilii Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa jia’a bitoteessa 14 baaseen qorannoo Aanaalee Oromiyaa 33 keessatti gaggeesseen sadaasa 2015 hanga guraandhalaa 20tti namoonno 100 ol ajjeeffamaniiru.
Loltoonni mootummaa lammiilee nagaa Hagayyaa 6 fi 7 naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti hiriira bahanii 100 akka ajjeeassaan gabaasni Ministeerri dhimmaa Alaa Amerikaa baasee kun ni mul’isa. Paartiileen Mormitoota naannoo Oromiyaa qofaatti namoonni 90 akka ajjeeffaman himaniiru. Mootummaan Naannoo Amaaraa namoonni 7 ajjeeffamu amanus gabaasaleen biroo garuu namoonni 50n akka ajjeeffaman ni mul’isu
Loltoonni Mootummaa namoota ukkamsuun asi buuteen isaanii akka dhabamu gaabsni kun ni muli’asa. Kana malees namoonni qabamanii hidhaman mana hidhaa keessatti daraarri sukkaneessaan akka irra gahu Ministeerri dhimma Alaa Amerikaa beeksiieera.
Mootummaan Itoophiyaa Hoggantoota Paartiilee Mormitoota, Miseensootaa fi Gaazexxestoota yaadaa isaanii bilisaan ibsachuu yaalan hunda sababa yakkaa Shororkesummaa jedhuun hidhee daraara akka jiru beeksiiseera.
Akka Fakeenyaatti Itti-Aanaa hogganaa Paartii Federalistii Kongrasii Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa yakka shororkeessuummaan himataman waldhaansa yaalaa akka hin arganneef qondaltoonni mootummaa akka isaan dhorkaan gaabsni kun ni mul’isa.
Manneen hidhaa Maa’ikalaawii fi Qilinxoo keessatti Namoonni hidhaman mana hidhaa keessatti harkaa fi miilii isaanii walitti dhidhame mukaa irratti fannisuun faana milaa isaanii jala mukaa fi Alangee laastiikiitiin reebuu, Bishaan irratti gadi naquu, miilaa isaanii jala elektiriikiidhaan gubuu fi qaama saalaa isaanii irratti meeshaa ulfaatu fannisuun daraara sukkaneessaan akka irratti raawwatamu gabaasni kun ni mul’isa. Dubartoonni hidhamaan baay’een immoo loltoota mootummaan akka gudedamaan Ministeerri dhimma alaa Amerikaa beeksiiseera.
Rakkoon mirga namaa cimaan Itoophiyaa keessa jiru loltoonni mootummaa tarkaniiffii seeraan alaa fudhachuun namoota ajjeessuu, namoota hiriiraa nagaa bahaan seeraan alaa qabanii hidhuu, Himaannaa kaka’umsa yookan immoo ergama siyaasa qabuun namoota himachuu fi mirga siviil fi dhaabbilee mit- mootummaa dangeessuudha jedha gabaasni waggaa ministeera dhimma Alaa Amerikaa kun
Waliigalaatti rakkoon mirga namaa mootummaan Itoophiyaa lammiilee biyyaatti irratti raawwatu Seeraan alaa Ajjeessuu, namoota ukkamsuu, seeraan ala qabanii hidhuu, Manneen Hidhaa keessatti haala sukkaneessaan fi gara jabeenyaan dararuu, Adabbii cimaaan adabuu,Himaannaa malee yeroo dheeraaf hidhuu, haali qabiinsa manneen hidhaa jireenyaad soodachiisa ta’u fi manneen murtii dhiibaa siyaasa jala jiraachudha jedheera .
kana malees mirgi nama dhunfaa , garee fi sibviilii akkasumas mira dubbachuu maxxansi walabaa dhabamuu , tajaajila Interneeti dangeessuu, dhimmaa Amantii gidduu seenuu , Sabaa fi sablammii biyyaatti addaan qooduun ija loogummaan ilaalu fi mirga lammiileen qaama isaan bulchu filachuuf qaban dangeessuun mirga lammiilee biyyaatti sarabaa akka jiru beeksiiseera.
Waliigalaatti Mootummaan Itoophiyaa Qondaltoota mootummaa mirga namaa sarbaan kamuu irratt tarkaniiffiin fudhate tokkoo akka hin jire gabaasni waggaa mirga namaa Ministeerri Dhimma Alaa Amerikaa baasee kun ni mul’isa.