Waraqsi biyyooleessa Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa wajjiin magaala Washington DCtti mari’ateera

Waraqsi Biyyooleessa Itoophiyaa Paartiilee Afur dhiyeenya hundeffame kun rakkolee gama hundan yeroo amma Itoophiyaa keessa jiru itti fufinsaan furuuf lammiileen Biyyaatti ogummaa fi humna isaaniitiin gumaachuu akka qaban waamicha dhiyeessera.
Paartiileen Addi Dimokratawaa ummata Oromoo, Arbanyooch Ginboot Sabaat, Paartii Ummata Affaar fi Waraqsi Dimokirataawaa Ummata Sidaamaa lammiilee Itoophiyaa waamichi taasfameef wajjiin marii gaggeessani, lammiileen Itoophiyaatiif tokkummaan fi mormii ummata Itoophiyaa ilaalchisuun ibsi kennameera.Gaheen dubartoonni qabsoo keessatti qaban ilaalchisuun ibsi kennameera
Moggasaa Waraqsa Biyyooleessa Itoophiyaa jedhun lammiilee Itoophiyaa marsiisuu, kakasuu akkasumas hirmaachuu yoo barbadaan immoo gama Waraqisa Biyyooleessa Itoophiyaatiin hirmaachuun bu’aa barbaadame fidu akka danda’an qindeessan sagantaa kana Obboo Zawudee Guddataa beeksiisaniiru
Marii kana irratti bakka bu’oonni Paartiilee Arfaan barbaachisummaa Waraqisa biyyooleessa Itoophiyaa ilaalchisuun hirmattootatti himaniiru.
Itoophiyaa biyyoota addunyaa yeroo durii irra jalqabee mootummaa qaban akka taate fi ka’uumsa dhala ilama nama ta’uushee Ogeessi Arkiyoloojii Dr Yohanniis Zallaqaa mata duree Itoophiyaan Jaarraa 21ffaatti maal fakkachuu qabdi mata duree jedhuun qorannoo dhiyeessanniin beeksiisaniiru
Akkasumas Dr. Gabe hamda fi obbo kehone Fisaha sochii hawaasatif hogansaa dhaabilee siyyaasa ilaalchisudhaan ibsaa beekumsaaf muuxxannoo irrati hunda’ee dhiheesaniruu.
Hirmaannaa dubartoonni Seenaa Itoophiyaa keessaatti guddaa akka ture Fasikaa Waldasanbaat hirmaanna dubartoonni Seenaa Itoophiyaa keessatti qaban ilaalchisuun bareeffamaa qorannoo dhiyeessaniin himaniiru. Yaa ta’u malee sababa gara garaatiin hirmaannaan dubartoota laafaa akka dhufe beeksiisaniiru.