Weeraara Daangaa babal’ifachuu saba Oromoo irratti gahaa jiru ilaalchisuun Koree Qindeessituu Jaarmiyaalee Bilisummaa Oromoo Afur ibsa basan.

Jaarmiyaaleen Bilisummaa Uummata Oromoo Karaa koree Qindeessituun ibsa baasan kunniin Adda Demokraatawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo “T” (ABO) fi Kallacha Walabummaa Oromoti.

Mootummaan Itoophiyaa Adda Bilsummaa Uummata Tigraayiin hogganamu mormii bulisummaa fi abbaa biyyummaa uummanni Oromoo ji’a Sadaasa 2015 hanga onkololessa 2016 karaa nagaa fi naamusa gaariin dhageessiseen raafamaa akka ture ibsi Koree qindeessituu Jarmiyaalee Bilisummaa Oromoo Afuri kun yaadachiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa Mudde bara 2016 irraa jalqabee immoo tooftaa biraatti fayyadamuun uummata Oromoo irratti weerara sanyii duguuggaa fi saamicha lafaa raawwataa akka jiru koreen kun ibsa baaseen beeksiseera.

Weerarri sanyii duguuggaa fi saamicha lafaa kun Baha Oromiyaa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Qumbii, Cinaaqsan, Miidhagaa Tolaa, Gursum, Mayyuu Muluqqee, Baabbilee, Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordodde akka ta’e Ibsi koree qindeessituu kun ni mul’isa.

Akkasumas Godina Baalee, Aanaa Daawwee Saraar, Sawweenaa, Madda Walaabuu fi Raayituu, Godina Gujii Aanaa Idalloo fi Liiban, Godina Booranaa Aanaa Moyaalee fi gandoota adda addaa keessatti raawwatamaa jiru koreen Qindeessituu mirkaneesseera.

Weerarri kun, weerara Bulchiinsi Naannoo Somaalee Oromoo irratti bane akka hin taaneefi, Walitti bu’iinsa gosoota Oromoo fi Somaalee ollaa Oromiyaa jiraatuus ta’uu dhiisuu koreen qindeessituu kun beeksiseera.

Weerarri kun weerara humni waraanaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay saganteessuu fi qindeessuun Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee dayeeffachuun uummata Oromo irratti bane akka ta’e Koreen Qindeessituu Jarmiyaalee Bilisummaa Oromoo Arfanii ibsa baasaniin beeksisaniiru.

Kaayyoon weerara kanaa uummata Oromoo gaaffii bilisummaa fi mirgaa kara nagaatiin gaafate adabuu fi lafa Oromoo irraa Oromoo duguuguun uummata saba biroo irra qubachiisuuf akka ta’e beeksiseera.

Kaayyoon biroo immoo uummata Oromoo fi uummattoota ollaa Oromiyaa gidduutti waldhabbii fi lola addaan hin citne uumuu dha jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa tooftaa kanaan uummata Oromoo dadhabsiisuu, haamilee laamshessuu fi lafa isaa irraa duguugee aangoo irra turuuf kaayyeeffatee raawwataa akka jiru ibsameera..
Weerara kanaan dhalattoonni Oromoo dhibbootamatti lakkawaman ajjeefamaniiru, ammas ajjeefamaa jiru jedheera.
Lafa Oromoo humni waraanaa Liyyuu Poolisii qabatanii alaabaa bulchiinsa mootummaa Naannoo Somaalee irra dhaabanii akka jiran ibsi kun beeksiseera.

Weerarri sanyii duguggaa fi saamicha lafaa kun heera addunyaa fi heera biyyattii kan faallessu akka ta’e ibsi kun mirkaneesseera.

kaayyoon weraara kanaa lafa uummata Oromoo addaan kukkutanii saba biraatiif kennuu irratti kan xiyyeeffatu akka ta’e ibsi koree qindeessituu kun beeksiseera.
Weerara Mootummaan Itoophiyaa Liyyuu Poolisii dayeeffachuun saba Oromoo irratti labsee raawwataa jiru kana, karaa hundaan dura dhaabbachuu fi fashaleessuun dirqama Oromoo hundaa akka ta’e beeksiseera.

Jaarmiyaaleen siyaasaa, jaarmayoonni uummataa fi uummanni Oromoo hundi tokkummaan weerara sanyii duguuggaa Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti labse kana karaa hundaan waliin dura dhaabbachuu akka qaban koreen kun waamicha lammummaa dhiyeesseera.

Oromoonni mootummaa Itoophiyaa karaa addaa addaatiin tajaajilaa jiran qabsoo uummanni mirga abbaa biyyummaa, haqaaf, wal-qixxummaa fi diimokraasii uummanni Oromoo dqabsa’aafii jiru karaa isaaniif mijatuun akka deggaran koreen kun waamicha dhiyeesseefii jira .
Mootummaan abbaa irree Adda bilisummaa Uummata Tigraay mirgoota namoomaa uummattoota Itoophiyaa guutuu humna waraanaa fi tikaan dhiitaa fi saamuu itti fufee akka jiru ibsa kanarraa hubachuun danda’ameera.

Mootummaan Itoophiyaa aangoo irra turuuf, tooftaa gargar baasanii bituu, cunqursuu fi saamuutti fayyadamuun, uummattoota hedduu walitti buusuuf waggoota 26’f waan tureef uummanni Itoophiyaa tokkummaan ka’uun sirna kana ofirraa fonqolchuu akka qabu Jaarmiyaaleen Bilisummaa Oromoo Arfan Uummata Itoophiyaaf waamicha dhiyeessaniiru.