Lammiileen Itoophiyaa Guyyaa Injifannoo Aduwaa waggaa 121 ffaa kabajan.

Waggaa 121ffaa lammiileen Itoophiyaa weerara mootummaa Xaaliyaanii adda waaraana Aduwaa irratti injifatan guyyaa kamisaa magaalaa Finfinneetti kabajamee oleera.

Sirna kabajaa kana irratti kutaaleen hawaasa adda addaa akka argaman odeffannoon biyya keessaa argame ni mul’isa.

Abbootiifi hadholiin Sirna kabaja guyyaa injifannoo Aduwaa kanarratti argaman dhaloonni ammaa injifannoo argame kana eeguun dhaloota dhufuuf seenaa isaa osoo hin jijjirin dabarsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Guyyaan ijifannoo kun kan lammiilee Itoophiyaa qofa osoo hin taane injifannoo Afrikaanota hundaa akka ta’e maaguddoonni himaniiru.

Ayyaanni Injifannoo kun bifuma walfakkaatuun magaalaa Aduwaa bakka seenaan kun itti raawwatametti haala gaariin akka kabajame himameera.

Guyyaa kabaja injifannoo Aduwaa kana ilaalchisuun lammiileen afriikaa baay’een ayyaanichi kan Afrikaanotaas akka ta’e ergaa kara miidiyaalee hawaasummaatiin dabarsaniin beeksisaniiru.
Pirizedaantiin Afriikaa Kibbaa duraanii Taboo Mibeekin seenaa fi hiika injifannoon Aduwaa qabu ilaalchisuun afrikaanotaaf dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota gara garaa keessa jiraatanis ayyaana guyyaa injifannoo kana bifa adda addaatiin kabajaa akka jiran hubachuun danda’ameera.