Qala’insi gatii Itoophiyaa ji’a Guraandhalaa dhibbentaa 0.9 akka dabalee Ejeensiin Satatiksii guddugaleessa beeksiiseera

Waliigalaatti qala’insii gatii ji’a Guraandhalaa dhibbentaa 7.0 irra gahuusa Ejeensiin Statiksii giddugaleessa beeksiisuusa miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Qala’insi gatii kun ji’a darbee dhibbeentaa 6.1 irra kan ture yoo ta’u,amma immoo gara dhibbeenta 7 ol guddateera . Haalumaa kanan qala’insi gatii kan ji’a Guraandhalaa 0.9 akka dabalee ejeensich beeksiiseera.
Ji’a Guraandhalaatti qala’insi gatii omiishaalee nyaataa wajjiin walqabatu dhibbeenta 7.8 irra gaheera. Qala’insi Omishaalee nyaataa kun kan ji’a darbee dhibbentaa 2.8 caaluun akka dabale ejeensich himeera.
Bifuma walfakkatuun Omishaalee nyaataa hin taane biroo irrattiis qala’insi gatii akka dabalee Ejeensiich beeksiiseera. Bifuma kanan, qala’insi Omishaalee nyaata wajjiin walitti dhufeenya hin qabne dhibbeentaa 6.2 galma’eera. Kun immoo qala’insa gatii kan ji’a darbee wajjiin yoo wal biraatti ilaalamu dhibbeenta 1.2 caalmaa qaba jedhameera
Oduu biraan immoo, daldaltoota sababa tokkoo malee gatii dabaluun qala’insii gatii uumaa jiran iratti tarkaniiffii akka fudhatu Ministeerri Daladalaa beeksiiseera.
Mindaa hojjattoota mootummaaf dabalamee wajjiin walqabatee omishaalee nyaataa irratti gaatiin akka dabalamee jirattoonni himaniiru
Rakkoon daballii gatii akka jiru kan amane Ministeerri Daladala, komand poostii dhimmiicha hordofu hundeessuun ka’uumsa rokkoo daballii gatii adda baasuun akka danda’ame beeksiiseera.
Qorannoo gaggeeffameen meeshaalee dhoksuun hin jiru jechu, gatii dabaluu fi safartuu hir’isuu dabalatee rakkooleen biroo akka adda bahan ministir dee’eetaan Obboo Asaad Ziyaad miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.
Daldaltoota Seeraan alaa gatii dabalan irratti kanan duraas tarkaniiffiin fudhatama turus, amma garuu kan duraa caalaa hatattaamaan tarkaniiffii foyya’insa qabu ni fudhatama jedhameera.
Mootummaan kanan duraas daladaltoota sababa tokko malee gatii meeshaalee dabaluun ummata harka qaleeyyii saamaa turan irratti tarkaniiffii fudhachuun gabaa tasgabeessuuf yaaluus akka hin milkoofne ni yaadatama. Tarkaniiffiin kun qamoolee dhimmichaa hordofaniif daladaltoota gidduutti walitti dhufeeenya malanmaltummaa cimaa uumee akka ture keessa beektoonni himaniiru.
Ammaas mootummaa bu’aa siyaasa argachuuf jecha hojjattoota mootummaaf mindaa akka dabalee miidiyaalee harkaa isaa keessa jjiraniin dhadheessaa waan tureef yeroo amma Gatiin mana kiraa dabalatee gatiin omoshaalee dabalaa akka jiru jirattoonni beeksiisaniiru.