Baqqattoonni irra caalaa lammiilee Itoophiyaa ta’anii fi lammiileen Ertiraa fi Sumaliiyaa kuma 500tti dhiyaatan Sudaan keessa akka jiran Gamtaan Awurooppaa beeksise.

Sarbamuu mirga namoomaa mootummaan sudaan tibbana baqqattoota Itoophiyaa fi Ertiraa Biyyattii keessa jiran irratti raawwatee wajjin walqabatee Gamtaan Awurooppaa gargaarsa maallaqaa mootummaa Sudaaniif baqqattoota akka to’atuuf kennu akka dhaabu gaafatamaa tureera.

Haa ta’u malee, Gamtaan Awurooppaa hanga ammaatti gargaarsi maallaqaa mootummaa Sudaaniif kenne akka hin jirre beeksiseera.

Humnoonni daangaa Sudaan to’atan yeroo dhiyeenyaa as lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa daangaa Sudaan qaxxaamuranii dabalaa akka dhufe beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Lakkofsa baqattoota biyyoota ollaa Sudaan keessa jiratanii ilaalchisuun gamtaan Awurooppaa gabaasa baaseen, baqqattoonni irra caalaa lammiilee Itoophiyaa, Ertiraa fi Sumaliiyaa ta’an miiliyoona walakkaatti lakkawaman sudaan keessa akka jiran beeksiseera.

Baqqattoonni kunniin Sudaanin akka ce’umsaatti fayyadamuun gara Awurooppaa seenuuf akka karoorfatan beeksiseera.

Akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2016 qofa baqattoonni kumni 30’ni Sudaanii gara Xaaliyaanii akka deeman beekameera.

Gochi kun kan sodaachise Gamtaan Awurooppaa Sudaan daangaa ishee fi imaltummaa baqattootaa akka to’attuuf gargaarsa yuuroo miiliyoona 100 kennuuf dhiyeenya murteessuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee, gochi hidhaa fi reebichaa humnoonni nageenyaa Sudaan tibbana baqqattoota irratti raawwatanii wajjin walqabatee gargaarsi maallaqaa gamtaan Awurooppaa Sudaaniif kennu keessa deebi’ee akka xinxaalamu gaafatameera .