AFAAN OROMO Text

Dura taa’aan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramika’eel wayita sagaagalan ragaan mili’su argame.

Dura taa’aa Adda bilisa baasaa ummataa Tigraay fi itti-aanaa Pirezedaantii naanniicha ta’uun kan filataman doktor Dabratsiyoon Gabramika’eel tekeneloojii elektironikisiitti fayyadamun teessoo manneen sagagalummaa barbaada akka turan ragaan nmul’isu argameera. Ragaaleen Imeelii irra argaman kunniin doktor Dabratsiyoon Gabramika’eel rakkoo naamusa guddaa akka qaban kan mul’isan jedhameera Ragaleen argaman ogessootaan qorachiisanii sirri ta’u isaanii mirkaneeffachuuf magaloota biyyoota adda addaa 10 ol kana ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Labsii Daa’immaan guddifachaan gara biyya alaa fudhataman eyyamu ittise.

Labsiin Daa’immaan guddifachaan gara biyya alaa fudhachu eyyamukana ittisu kan barbaachiseef daa’immaanirra yeroo adda addaa miidhaan gaha akka jiru waan hubatameef jedhameera Daa’immaan baay’een sababa guddifachaa biyyaa erga bahanii booda asi buuteen isaanii kan beekamne yoo ta’u, kan biroo immo maatii guddifachuuf fudhataniin miidhaa adda addaaf saaxilamu isaanii himameera Akka lakkofasa warra faranjoota bara 1999 bood qofa da’immaan kuma 15 ...

Read More »

Mormiin ummataa wajjiin walqabatee kisaaraa guddaan akka irra gahe companiini Baasiin Salaam fi warshaan Biiraa Dashiin beeksisan

Mormii ummataa wajjiin walqabatee, namoonni baasii Salaam fayyadamuu akka sodaatan hogganaan waldaa Tajajiila Baasii Salaam Obbo Hagoos Abbaay BBC sagantaa Amariffaatti himaniiru. Sababa kanan galiin tajaajila Baasii salaam akka hir’ate dubbataniiru. Dhiyeenyaas konkolatoonni Baasii Salaam Afur gara Bataskaana Gabri’eel Qullubii wayita imalan balaa irra gaheen foddaan isaanii akka caccabe obbo Hagoos himaniiru Konkolatoonni Baasii Salaam lama immo kutaalee biyyaatti adda ...

Read More »

Pooliisiin Federaalaa Qeerroo Oromoo irratti Qorannoon akka jalqabe beeksise

Qeerroon jechun afaan oromoo dargaggoota jechu ta’uus mootummaan waayyaannee hiika biira kennaaf akka jiru ibsa pooliisii federaalaa irra hubatameera. Qeerroon Oromiyaa gita bittaa fi olantummaa waayyaannee mormun guutuu Oromiyaa fi biyyaatti qabsoo jalqabeen umirii aangoo waayyaannee gabaabsa akka jiru ifatti mirkana’eera. Mootummaan waayyaannee Qabsoon Qeerroo bowwoo mataa fi Ibidaa miilaa waan itti ta’eef hiika biraa laateef maqaa seeraa kabachisuu jedhun ...

Read More »

Warshaan Oomisha Sookkoo yookaan Warqii kampaaniin Iffart birrii miiliyoona 700 oliin ijaarsise hojii jalqabe

Warshaan oomisha Sookkoo kampaaniin adda bilisa baasaa Ummataa Tigraay Iffart magaala Shiree Indasillaaseetti birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 45n ijaarsise tajaajila kennu jalqabuusa miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru Warshaan oomisha Sookkoo kun mootummaa waayyaannee aangoo erga qabatee booda isa jalqabatti jedhameera. Itoophiyaa keessattiis warshaa sookkoo waggoota 33 booda yeroo jalqabaaf ijaarame ta’un himameera Warshaan oomisha Sokkoo Meellee jedhamu kun guyyaatti sookkoo kiilograama ...

Read More »

Miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Dhalattoota Oromoo fi Amaaraaf Sadarkaan Jeneralummaa kennamuf jedhame.

Mormii ummataa wajjiin walqabatee dhalattoota Oromoo fi Amaaraaf raayyaa ittisa biyyaa keessa jiran murasaaf sadarkaan Jeneralummaa akka kennamuuf murta’uusa keessa beektoonni himaniiru. Miseensoonni Raayyaa Ittisa biyyaa muudamni sadarkaa jeneralummaa kennamuuf leenjii haaromsaarra akka jiran beekameera Aangoon hoggansaa caasaa raayyaa ittisaa biyyaa keessa jiru hundi dhalattoota Tigraay dhuunfatamuun mormii guddaa uumaa akka jiru ni himama. Mootummaan waayyaannee komii kana furuuf caasaa ...

Read More »

Waldorgommiin Garee Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaala Waldiyaa fi Walwaloo Istadiyeemii Finfinneetti taphatame wajjiin walqabatee waliitti bu’iinsi akka ture himame

Waldorgommiin garee Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaala Waldiyaa fi Walwaloo Istadiyeemii Finfinneetti akka taphatamu kan murteeffameef walitti bu’iinsa deeggartoota naannoo lamaan hambsuf yaadame ture Waldorgommiin garee kubbaa miilaa naannoo Tigraay fi Amaaraa gidduutti gaggeeffamu yeroo adda addaa walitti bu’iinsa kaaseera Akkasumas ajjeecha yunivarsiitii Addigraat keessatti raawwatame ture dhaabbileen barnoota olaanoo 20 keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu akka addaan citiuuf sababa ta’eera ...

Read More »

Sudaan Odolaashe Tarkiif kennu wajjiin walqabatee garagrummaan Ijipt wajjiin qabdu dabaleera

Sudaan akka lakkofsa warra faranjoota bara 1956 bilisa erga baatee asi Xayib Erdogaan Pirezedantii Tarkii biyyaatti daawwatan kan jalqaba ta’aniiru. Pirezedaant Xayib erdogaan dawwaannaa isaaniiSudaan tibbaa darbee kanan waliigaltee adda addaa akka mallatteessan himameera. Waliigaltee biyyoota lamanii kanan Sudaan Odolashee Su’aakiin jedhamtu yeroof Tarkiif kennuufwaliigaluun walitti dhufeenya Ijipti wajjiin qabdu gaaffii keessa galcheera Tarkiin odola Sudaan kana turistootaf mijaatu gochuuf ...

Read More »

Waldorgomiin Fiigichaa mata duree “Lammii koof nan fiiga” jedhu qopha’e Amajjii 6 bara 2010magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti akka dorgomamu himameera

Waldaan Atileetota Oromiyaa Lammiilee oromoo naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif galii walitti qabuuf waldorgommii fiigichaa mata duree “Lammii koof naan fiiga” jedhun qopheesse kun magaaloota Oromiyaa adda addaa keessatti Amajjii 6 bara 2010 akka dorgomamu beekameera. Haaluma kanan magaloota Asallaa, Adaamaa, Naqamtee, Roobee, Walisoo, Harar, Shaambuu, Amboo, Ciroo, Nageellee, Bulee Hora, Yaa’aballoo, Fiichee, Jimmaa, Beddellee, Mattuu, Dambidoolloo, Gimbii, Kamisee, Shaashamannee, Dirreedhawaa fi ...

Read More »

Qabeenya Waayyaannee kan ta’e Kampaaniin Iffart warshaa ijaarsaa haaraa birrii biiliyoona lamatti dhiyaatuun hunddeessuuf kampanoota biyyoota lama wajjiin waliigaltee mallatteesseera.

Hoggantuun Kampaaniichaa fi haatii warraa duraanii Mallas Zeenawii // Azeeb Masfiin waliigaltee kana kampaanii biyyaa Siingapoori Kustoonaajedhamuu fi kan biyyaa Amerikaa Feerfaaksi jedhamu wajjiin mallatteessun ishee gabasameera. Warshaa ijaarsaa kun magaala Maqalee yookan naannowasheetti ijaaruuf hojiin lafa ijaarsaaf mijatu filachuu akka jalqabame himameera. Warshaan Simintoo Masoboo kampanoota biyyoota lamanii kana wajjiin qinda’uun gahee dhibbeentaa 60 akka qaabatu waliigalticharra hubachun danda’ameera ...

Read More »