Waldorgomiin Fiigichaa mata duree “Lammii koof nan fiiga” jedhu qopha’e Amajjii 6 bara 2010magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti akka dorgomamu himameera

Waldaan Atileetota Oromiyaa Lammiilee oromoo naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif galii walitti qabuuf waldorgommii fiigichaa mata duree “Lammii koof naan fiiga” jedhun qopheesse kun magaaloota Oromiyaa adda addaa keessatti Amajjii 6 bara 2010 akka dorgomamu beekameera.
Haaluma kanan magaloota Asallaa, Adaamaa, Naqamtee, Roobee, Walisoo, Harar, Shaambuu, Amboo, Ciroo, Nageellee, Bulee Hora, Yaa’aballoo, Fiichee, Jimmaa, Beddellee, Mattuu, Dambidoolloo, Gimbii, Kamisee, Shaashamannee, Dirreedhawaa fi Bishooftuutti sagantaa waldorgommii Fiigichaa ni gaggeeffama
Sagantaa galii walitti qabuu kana keessa tokko kan ta’e tiishartii waldorgomichaaf qopha’ee magaloota naannoo Oromiyaa keessatti birrii 150n gurgurtaaf dhiyaateera.
Tiishartiin waldorgommicha magaala Finfinneetti birrii 200 gurgurtaaf waan dhiyaateef hawaasni Tiisharticha bitachuun lammiilee Oromoo qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aan deeggaru akka qabu waamichi dhiyaateera.
Jirattoonni magaloota Oromiyaa Tiishartiin fiigichaa Waajjira Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii godinaalee, magaalotaa , akkasumas jirattoonni magaala finfinnee immoo dameewwan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Baankii Intarnaashinaala Oromiyaa irraa argachuun akka danda’an beekameera
Sagantaa Fiigichaa lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleeti buqqa’aniif galii walitti qabuuf qopha’ee kanan gurgurataa Tiishaartii fi Ispoonsara dhaabbilee adda adda irra birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf karoorfameera.
Hanga ammatti dhaabbiileen Itiiyoo Teeleekoom,Baankii Gamtaa Oromiyaa, Warshaan Simintoo Dangootee dhuunfa dhuunfaan birrii miiliyoona laman deggeruun isaanii beekameera.
Koorporeshiinii Inshuraansii Oromiyaa fi Itoophiyaas mataa mataan birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibbaa shan gumaachun deggeraniiru jedhameera.
Galiin sagantaa fiigicha kanarraa argamu hundu lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleeti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif akka oolu himameera
Kaanaaf dhaabbileen adda addaa hanga humna isaanii danda’uun Ispoonsara sagantichaa akka ta’uun aantummaa lamummaa isaanii akka bahan gaafatamaniiru
Jirattoonni Magaaloota Oromiyaas akkuma kan dura deeggarsa guddaa gocha turan hunda ammaas tiishartii fiigicha bitachun aantummaa lammiilee isaanii naannoo Sumaaleeti buqqa’aniif qaban irra deebin akka mirkaneessan waamich dhiyaateera.