Pooliisiin Federaalaa Qeerroo Oromoo irratti Qorannoon akka jalqabe beeksise

Qeerroon jechun afaan oromoo dargaggoota jechu ta’uus mootummaan waayyaannee hiika biira kennaaf akka jiru ibsa pooliisii federaalaa irra hubatameera.
Qeerroon Oromiyaa gita bittaa fi olantummaa waayyaannee mormun guutuu Oromiyaa fi biyyaatti qabsoo jalqabeen umirii aangoo waayyaannee gabaabsa akka jiru ifatti mirkana’eera.
Mootummaan waayyaannee Qabsoon Qeerroo bowwoo mataa fi Ibidaa miilaa waan itti ta’eef hiika biraa laateef maqaa seeraa kabachisuu jedhun qorannoo akka jalqabe beeksiseera.
Komishinaariin Pooliisii Federaalaa Obboo Abiyyuu Asaffaa garee Qeerroo Oromoo jedhamu irratti qorannoon akka jalqabame himaniiru.
Gareen qeerroo godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti caasaa mootummaa guutuman gutuutti diiguun hidhamtoota hanga gadhiisuu gaheera jechun Komishinariichi himaniiru
Mootummaan waayyaannee yeroo adda addaa ajandaa jeequmsa uumuun qabsoo ummataa oromoo dadhabsisuuf yaala turan kan yaadatamudha.
Ibsi Poolisiin Federaalaa kunis ajandaa jeequmsaa uumuu fi Bulchiinsi Pirezedaant Lammaa harka isaaniitti akka hin baane mul’isuuf kan kaayyeeffame jedhameera
Qabsoon qeerroo Oromoo humna waayyaannee sagalee ummataa ukkamsuuf itti fayyadamtu Pooliisii Federaalaa fi Agaazii guffachiisa akka jiru komishinaar Abiyyuun mana marii bakka bu’oota ummtaatti himaniiru
Qorannoon Pooliisiin Federaalaa Qeerroo irratti jalqabe jedhu kun tarkaniiffii bu’aa hin qabne ta’u miseensoonni Kongirasii Federaliistii Oromoo beeksisaniiru
Dargaggoo Oromooo miiliyoona 20 ol irratti qorannoo akkamittu gaggeeffama jechun miseensoonni kongirasi Federaliistii Oromoo gaafataniiru.
Qeerroo jechun diinaa mitii Qeerroon Afaan oromoon dargaggoota jechudha, dargaggeessaa miiliyoona heddu diinaa jettee farajjee eenyuu bulchita jechun Pirezedantiin naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa waltajjii irratti kana dura dubbachun isaanii ni yaadatama
Qorannoo Pooliisiin federaalaa Qeerrooratti jalqabe jedhu kana mootummaan naannoo Oromiyaa waan beeku akka hin jire hogganaan Dhimmoota Komunuikeshinii Biiroo Haqaa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa Raadiyoo Jarmaan Docheveletti himaniiru.
Qeerroon Oromoo rakkoon nagaa uumee kan jirree ta’u fi yoo jiraatees qorannoo gaggeessuuf aangoo kan qabu qaama nageenya naannoo Oromiyaa waan ta’eef qorannoo Pooliisii Federaalaa seeran ala jedhan akka ta’e obbo Taayyeen dubbataniiru.
Dhimmi qeerroo Oromoo irratti qorannoon jalqabame jedhu tapha siyaasa ajandaa haaraa uumuu fi yaada jijjiirsisuun sodaa uumuuf kaayyeeffame ta’u xinxaltoonni siyaasa himaniiru
Qabsoon Qeerroon Oromoo guutuu Oromiyaa waliin gahuun dargaggoota Itoophiyaa biroo wajjiin qindominaa cimaa uumuun Itoophiyaa gabrummaa waayyaannee jala bilisa baasuuf gootummaan itti fufeera