Warshaan Oomisha Sookkoo yookaan Warqii kampaaniin Iffart birrii miiliyoona 700 oliin ijaarsise hojii jalqabe

Warshaan oomisha Sookkoo kampaaniin adda bilisa baasaa Ummataa Tigraay Iffart magaala Shiree Indasillaaseetti birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 45n ijaarsise tajaajila kennu jalqabuusa miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Warshaan oomisha Sookkoo kun mootummaa waayyaannee aangoo erga qabatee booda isa jalqabatti jedhameera.
Itoophiyaa keessattiis warshaa sookkoo waggoota 33 booda yeroo jalqabaaf ijaarame ta’un himameera
Warshaan oomisha Sokkoo Meellee jedhamu kun guyyaatti sookkoo kiilograama 4 hanga 5 akka oomishu himameera
Warshichi guyyoota shan keessatti omishaa yaalii jalqabaatiin sookkoo kiilogiraama 18 ol kan omishe yoo ta’u, sadarkaa qulqullinaa olaanaa qabas jedhameera
Warshaan omisha sookkoo kampaanii Iffart kun torbaniiti galii dolaarii miiliyoona tokko akka argamsiisu himameera.
Waggaatti immoo galii dolaarii miiliyoona 40 ol akka argamsiisu hoggantoonni kampaanicha dubbataniiru
Pirojektoonni dolaarii biiliyoona heddu baay’ee adeemsaarra akka jiran hoggantuun Kampaanii Iffart Aadee Azeeb Masfiin dubbataniiru
Pirojektoota Sookkoo fi kan biroo kampanoota Amerikaa fi kanaadaa 8 wajjiin hojjachuuf karoorfaman wayita hojii jalqaban kampaaniichi waggaatti xiqqeenyaan dolaarii biiliyoonaa 1 akka argatu aadee Azeeb beeksisaniiru
Kampaaniin qabeenya waayyaannee Iffart hojii wayita jalqabu baankii daladala Itoophiyaarra birrii biiliyoona tokkoo fi miiliyoonni 700 liqeeffate dhala wajjiin osoo hin kaffale akka haqameef kan yaadatamudha.
Iffart ammas maqaa kampanoota bulchun baankii misooma Itoophiyaarra maallaqa liqeeffachaa akka jiru beekameera