Miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Dhalattoota Oromoo fi Amaaraaf Sadarkaan Jeneralummaa kennamuf jedhame.

Mormii ummataa wajjiin walqabatee dhalattoota Oromoo fi Amaaraaf raayyaa ittisa biyyaa keessa jiran murasaaf sadarkaan Jeneralummaa akka kennamuuf murta’uusa keessa beektoonni himaniiru.
Miseensoonni Raayyaa Ittisa biyyaa muudamni sadarkaa jeneralummaa kennamuuf leenjii haaromsaarra akka jiran beekameera
Aangoon hoggansaa caasaa raayyaa ittisaa biyyaa keessa jiru hundi dhalattoota Tigraay dhuunfatamuun mormii guddaa uumaa akka jiru ni himama.
Mootummaan waayyaannee komii kana furuuf caasaa hoggansaa sirreessuurraa miseensoota raayyaa haaraaf aangoo jeneralummaa laachuu akka filate himameera
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa 30 ta’an sadarkaa koloneelummaarraa gara Birgadeer Jeneraliitti akka ol guddatan himameera.
Muudamtoonni kunniin irra caalaa dhalattoota Oromoo fi Amaaraa yoo ta’an, ummattoota Kibbaa fi Tigraay keessa muraasni akka jiran himameera
Miseensoonni raayyaa tokko tokko sadarkaa Kolenelummarra osoo hin geenye muudaamni haaraa akka kennamuuf beekameera
Miseensoonni raayyaa kana dura sadarkaa Birgadeer Jeneraalumma argatan amma gara Mejaar Jeneraal fi Leetanaal Jeneralummaatti akka ol guddatan himameera
Miseensoota raayyaa ittisa biyyaaf sadarkaan muudamaa haaraa kan kennamuf Pirezedaant Mulaatuu Tashoomaa daawwaannaa Kubaa xumuranii wayitagara biyyaa deebi’aan akka ta’u himameera
Raayyaa ittisa biyyaa keessa jeneraloonni lakkofsi isaanii 100 hin caale kan jiran yoo ta’u isaaniis itti-aantoota dhalattoota Tigraay ta’un hojii malee ta’usaanii maddeen oduu raayyaa ittisa biyyaa himaniiru
Jeneraloonni waayyaannee dhalattoota Oromoo fi Amaaraa raayyaa ittisa biyyaa keessa jiran sababa adda addaa uumuun gaggeessuun namoota olantummaa isaanii mirkaneessaan muuda akka turan himameera
Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay filannoo biyyaleessa 1997 booda ajaja humna Qilleensaa Meejar jeneraal Alamisheet Daggifee dabalatee jeneraloota Amaaraa fi Oromoo 10 raayyaa ittisa biyyaa keessa ari’eera
Birgadeer Tafarraa Maammoo fi Birgadeer Jeneraal Asaminaaw Tsiggee mootummaa aangoorra fonqolchuuf yaaltaan jedhamanii hidhamaniiru
Leetanal Jeneraal Baacaa Dabalee fi Leetanal Jeneraal Ababaaw Taaddasaa umiriin isaanii osoo hin geenye sooramaan gaggeeffamaniiru
Hoggantoonni Raayyaa ittisa biyyaa ajaja hunda hanga yeroo dhiyootti dhalattoota Tigraayiin kan hin hogganamne ajaja dhihaa qofa akka ture ni yaadatama.
Amma garuu sababa ergama nagaa kabachiisu jedhun Leetanal Jeneraal Birhaanuu Juulaa hoggansa ajaja Dhihaarra waan ka’aniif ajajni raayyaa ittisa biyyaa hundi dhalattoota Tigraay qofa ta’aniiru.
Caasaan hoggansa Raayyaa Ittisaa biyyaa keessa jiru hundu dhalattoota Tigraayiin hogganama akka jiru ragaaleen mul’isaniiru