Dura taa’aan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramika’eel wayita sagaagalan ragaan mili’su argame.

Dura taa’aa Adda bilisa baasaa ummataa Tigraay fi itti-aanaa Pirezedaantii naanniicha ta’uun kan filataman doktor Dabratsiyoon Gabramika’eel tekeneloojii elektironikisiitti fayyadamun teessoo manneen sagagalummaa barbaada akka turan ragaan nmul’isu argameera.
Ragaaleen Imeelii irra argaman kunniin doktor Dabratsiyoon Gabramika’eel rakkoo naamusa guddaa akka qaban kan mul’isan jedhameera
Ragaleen argaman ogessootaan qorachiisanii sirri ta’u isaanii mirkaneeffachuuf magaloota biyyoota adda addaa 10 ol kana dura Dr Dabratsiyoon dhimma hojii mootummaaf deeman akka sakkata’aman Gaazexxeessa Abbaabaa Galaaw dubbataniiru.
Ragaleen suuraa fi bareeffamaa toora faasbookii hogganaa dhimmota komunikeshiinii Naannoo Tigraay obboo Gabramika’eel Mallaas irratti maxxanfamanii turan deeggartoota waayyaannee biratti waan hin jaalatamneef akka haqaman taasifamaniiru
Ministirri Tekeneloojii Komunikeshiinii fi Odeeffaannoo akkasmas dura taaaan adda bilisaa baasaa ummataa Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramika’eel beekumsi itti fayyadaa tekeneloojii ammayyaa irratti qaban muraasa akka ta’eshimameera
Dr Dabratsiyoon Gabramika’eel dhimma hojiif yeroo gara biyyoota adda addaa deeman toora interneetii teessoo manneen sagagalummaa mul’isan irratti xiyyeeffachun ragaa walitti qabachaa akka turan himameera
Akka lakkofsa warra faranjoota Ebla 24 bara 2012 walgahii Tekeneloojii odeeffannoo Ijipt Kaayirootti qopha’ee irratti argamanii ture.
Waltajjii kanarratti tekeneloojiin odeeffannoo fayeedan balaa goginsaa fi biroo ittisuuf qabu ilaalchisuun ibsa erga kennan booda toora interneetii teessoo manneen sagagalummaa mul’isan barbaada akka turan ragaaleen mul’isaniiru
Akkasumas waltajjiin yuniyeeniin Telekomunikeshiinii addunyaa akka lakkofsa warra faranjoota fulbaan 26 bara 2017 Koriyaa Kibbaa magaala Busaaniitti qopheesse irratti argamun toora interneetii manneen sagagalummaa sakata’aa akka turan beekameera.
Waliigalatti doktor Dabratsiyoon Gabramika’eel dhimmaa hojii mootummaaf gara biyyoota adda addaa wayita imalan dhimma deemaniif caalaa manneen sagagalummaa wayita barbadaan ragaaleen mul’isan argamaniiru.