Author Archives: Central

Lammiileen Itoophiyaa mirgi namoomaa akka kabajamu dhaabbatan hundi dhaabbata ”Dimokiraasii Itoophiyaadhaf ”jedhamuutti akka makaman waamichi dhiyaateera.

Dhaabbanni Dimokiraasiin Itoophiyaadhaaf jedhamu dhaabbata mirgi namooma bu’uura lammiilee Itoophiyaatiif akka kabajamuuf hojjatu ta’uu Pirizidaantin waldaa barsiisoota Itoophiyaa duraanii Dr Taayyee Walda Samayaat beeksisaniiru. Mirgi namoomaa sadarkaa addunyaatti akka kabajamuuf murteeffame mirga nyaachuu, dhuguu , Eggumsa fayyaa Argachuu fi walqixxummaa saalaa fa’a akka ta’e Dr Taayyeen himaniiru. Mirgi yaada ofii Bilisaan ibsachuu fi odeeffannoo argachuu dagagina dimokiraasiitiif bakka gudda akka ...

Read More »

Naannoo Beenishaangul Gumuziitti mormitoota meeshaa waraanaa hidhatanii fi loltoota mootummaa gidduutii waraanaa tureen wajjiin walqabatee magaalaa Asoosaatti namoonni 12 hidhamuun isanii beekameera.

Falmaan mirga namoomaa Beenishaangul Gumuz obboo Haaliid Nasiir namoonni hidhaman namoota nagaa naannicha jiraatan akka ta’an ESATtti himaniiru. Waraana Bilisummaa Warraaqsa Ummata Beenishaangul fi loltoota wayyaanee gidduutti tureen looltoonni wayyaanee 8 wayita ajjeeffaman kan warraaqsa Beenishaanguul keessa immoo namni tokko ajjeeffamuu himaniiru. Gareen Bilisummaa Warraaqsa ummata Beenishaangul Gumuz haleellaa haaraa naannoo sharqollee jedhamutti waraana wayyaanee irratti baneen miseensota raayyaa ittisa ...

Read More »

Magaalaa Bahaar -Daar dhiheenya Hoteela Giraanditti dhoohiinsa boombii wajjiin walqabatee Mootummaan Biriitaaniiyaa lammiileen isaa akka of-eegaan akeekkachiiseera.

Magaalaa Bahaar- Daaritti dhiheenya Hoteela Giraandiitti boombiin waan dhooheef lammiileen Biriitaniiyaa magaalatti keessa jiraatan gorsa qondaaltonni naannoo isaaniif kennan hordofuu akka qaban Ministeerri Dhimma Alaa Biyyaatti akeekkachiiseera. Mootummaan Biriiteen boombii dhoohee waliin walqabatee namni du’e akka hin jirre ibsuu malee odeeffannoo dabalataaa hin kenniine. Mootummaan Biiriteen yeroo muraasaa asi haala nageenya Kaaba Gondor wajjiin walqabatee lammiileen biyyatti dhimma baay’ee murteessaa ...

Read More »

Ayyaana Qillee Itoophiyaa ilaalchisuun Abbootiin Amantiilee gara garaa ergaa baga ittiin isin gahe jedhu dabarsan.

Abbootin Amantii Bataskaana Warra Ortodoksii Tawahiidoo,Bataskaana Warra Kaatolikii , Bataskaana Warra Waldaa Wangeelaa fi Bataskaana Warra Makaana Iyyeesuusii Itoophiyaa hordoftoonni amantichaa ayyanicha wayita kabajan namoota rakkatanii fi dhukkubsatan gaafachuu fi gargaaruun ta’uu akka qabu ergaa dabarsaniiru. Magaalaa Finfinneetti sirni kabaja ayyaanichaa jala bultii irraa jalqabee sirna amantiin haala miidhagaa ta’een kabajama jira. Hordoftoonni amantiilee baay’een gara bataskanotaa deemuun ayyaanicha kabajaa ...

Read More »

Naannoo Oromiyaatti labsii Yeroo hatattaamaa labsame wajjiin walqabatee namoonni kuma 70 ol hidhamuusaanii gaabafameera.

Labsii yeroo hatattaamaa labsamee wajjiin walqabatee naannoo oromiyaatti yeroo dhiyeenya asi namoonni kuma 70 ol hidhamuusanii hoggansi kongraasii Federaliistii Oromoo Obboo Mulaatuu Gammachuu Asosheetiid Piireesiitti himaniiru. Mootummaan Itoophiyaa duulaa labsii hatattaamaatiin namoonni kuma 21 ol akka hidhaman beeksiisee ture. Yaa ta’u malee dhaabbileen mirga namoomaaf falmanii fi keessa beektoonni lakkofsi namoota hidhamanii dachaan caaluu akka danda’u ni dubbatu. Manneen hidhaa ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa namoota balaa Hoongeetiin miidhaman garagaaruuf qindoomina qamoolee hundaa gaafateera

Balaa hoongee haaraa umaameen lammiileen biyyaatti miiliyoona 5 fi kuma dhibba jaha ta’aan gargaarsa midhaan nyaataa akka isaan barbaachiisuu himameera. Namoota kanniin gargaarsa midhaan nyaataa dhiyeessuuf dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatu akka barbaachiisuu himameera. Itti-aanaa Ministiraa Muummee fi Dura Taa’aan Boordii komishiinii Qajeelcha Itiisa Sodaa Balaa Biyyooleessa Obboo Dammaqaa Mokonnoon balaa hongee sababa jijjirama qillensaan dhufee kun guddina diingdee biyyaatti akka ...

Read More »

Bakka Bu’aanni Parlaamaa Ijipt dhiyeenya Itoophiyaa akka daawwatan Parlaamaa biyyaatti beeksisaanaaru

Bakka bu’oonni parlaamaa Ijipt Itoophiyaa akka daawwatan parlaamaa biyyaatitti hogganaan koree dhimma Afriikaa Mostafaa Eel-Geendii Ejeensii Oduu MENA jedhamutti himaniiru. Afa Yaa’ii Parlaamaa Biyyaatti Alii Abdeel Al- Heedaadii miseensoota parlaamaa koree dhimmaa Afriikaa waa’ee walitti dhufeenya biyyoota Afriikaa wajjiin jiru ilaalchisuun akka mari’atan Eel- Geendiin himaniiru. Mariin isaanii kun waa’ee walitti dhufeenya Itoophiyaa wajjiin jirus kan ilaalatu akka ture himaniiru. ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa warshaa Uccuu dureeyyoota Tarkii wajjiin hundeesse caalii baasiif dhiyeessee qaama irra bitu akka dhabe beekameera.

Mootummaan Itoophiyaa warshaa Uccuu dureeyoota Tarkii wajjiin hundeessee hanga yaadame bu’aa argamsiisuu akka hin dandeenye jedhameera. Warshaa kana gurguruuf mootummaan Itoophiyaa caalbaasii baasuus qaamni irra bituu akka dhabame himaameera. Warshaan Uccuu Sayigiin Diimaa jedhamu kun waggaa shanii dura birrii biiliyoona wadhakaan magaala Sabbataatti hundeeffame. Warshiich omishaa jalqabuus hanga yaadame bu’aa argamsiisuu akka hin dandeenye miidiyaaleen biyyaa keessa gabasaniiru. Sharafa biyyaa ...

Read More »

Manni Murtii Federaalaa namoota 20 mootummaa amantaa hudeessuuf yaalaan jedhaman himataman irratti hidhaa murteessee.

Manni murtii Federaalaa namoota galmee kadiir Mahaammuud Yusuuf fa’aan himataman 20 maqaa ilaalchaa fi barsiisa mankaraarsummaatiin mootummaa amantaa hundeessuuf yaaluu akkasumas jeequmsa kakaasuu ittin jechuun hidhaa waggaa 5 fi ji’a jaha itti murteesseera. Abbaan Alangaa namoota kanniin yakka ittiin himatamanirratti raawwachuu fi hirmaachuu, waadaa walii galuu, mirgoota heera mootummaan mirkanaa’an mormuu, ilaalchii fi barsiifanni mankaraarsummaa amantaa cimsuuf yaalaniiru ittin jedhee ...

Read More »

Addaan cituun tajaajil Interneet mootummaa Itoophiyaa Dolaarii miiliyoona 9 akka dhabisiisee himameera

Addaan ciccituun tajaajila Interneetii guddinaa diingdee Itoophiyaa akka miidhee himaameera.Waggaa takko darbee tajaajila interneetii waan addaan citeef galii biyyaattiin damee kanarra argatuu dolaarii miiliyoona 9 akka dhabbisiise Institiyuutii Amerikaa Biirukiingii jedhamu qorannoon qorateen beeksiiseera. Sadarkaa Addunyaattii Dhaabbannii Gorsaa Deeliyoot jedhamu gamasatiin, tajaajil interneet bilbilaa harkaa waan addan citeef biyyaattiin guyyaatti dolaarii kuma 500 akka dhabdu beeksiiseera. Mormii ummataa kutaalee biyyaatti ...

Read More »