Mootummaan Itoophiyaa warshaa Uccuu dureeyyoota Tarkii wajjiin hundeesse caalii baasiif dhiyeessee qaama irra bitu akka dhabe beekameera.

Mootummaan Itoophiyaa warshaa Uccuu dureeyoota Tarkii wajjiin hundeessee hanga yaadame bu’aa argamsiisuu akka hin dandeenye jedhameera. Warshaa kana gurguruuf mootummaan Itoophiyaa caalbaasii baasuus qaamni irra bituu akka dhabame himaameera.

Warshaan Uccuu Sayigiin Diimaa jedhamu kun waggaa shanii dura birrii biiliyoona wadhakaan magaala Sabbataatti hundeeffame. Warshiich omishaa jalqabuus hanga yaadame bu’aa argamsiisuu akka hin dandeenye miidiyaaleen biyyaa keessa gabasaniiru.

Sharafa biyyaa guddaa argamisiisa jedhamee kan hundeeffame warshaan kun, omishaa bara darbe gara biyyaa alaatti ergeera galii dolaari kuma 100 fi kuma shan qofa akka argamsiisee gaazeexxan Addiis Furchuun jedhamu gabaaseera.

Warshaa Sayigiin Diimaa kana Baankiin biyyooleessa birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 25n caalbaasiin guguruuf caalbaasii baasuus qamni irra bitu akka dhabame beekameera.

Mootummaan Warshaa kana irraa gahee dhibbentaa 60 kan qabu yoo ta’uu dhaabbilee faayinaansii mootummaa irra maallaqa kan liqeeffate warshaan Tarkii dhibbentaa 40 akka qabu beekameera.

Warshaachi adeemsa omisha waggoota shanii keessatti hanga yaadame bu’aa qabeessa waan hin taanef mootummaan Itoophiyaa gahee warshaa Tarkii kana keessa qabu akka addaan citu murteessuusa miidiyaaleen biyyaa keessa gabasaniiru.

Baankiin Misoomaa fi Daldalaa Itoophiyaa warshaalee huccuu Tarkiitiif liqii guddaa kenna akka turan beekameera.
Haa ta’u malee,warshaaleen kunniin bu’aa qabeessa ta’uu akka hin dandeenye qaamoleen adda addaa beeksisaniiru.

Waggaa darbe galiin omisha huccuu irra argamu dhibbeentaa 21tti akka gadi bu’e beekameera.

Baankin Biyyoolessaa Itoophiyaa qaama warshaa kana bitu waan dhabeef karaa kamiin bulchuun akka danda’amu qorachaa akka jirus himameera