Manni Murtii Federaalaa namoota 20 mootummaa amantaa hudeessuuf yaalaan jedhaman himataman irratti hidhaa murteessee.

Manni murtii Federaalaa namoota galmee kadiir Mahaammuud Yusuuf fa’aan himataman 20 maqaa ilaalchaa fi barsiisa mankaraarsummaatiin mootummaa amantaa hundeessuuf yaaluu akkasumas jeequmsa kakaasuu ittin jechuun hidhaa waggaa 5 fi ji’a jaha itti murteesseera.
Abbaan Alangaa namoota kanniin yakka ittiin himatamanirratti raawwachuu fi hirmaachuu, waadaa walii galuu, mirgoota heera mootummaan mirkanaa’an mormuu, ilaalchii fi barsiifanni mankaraarsummaa amantaa cimsuuf yaalaniiru ittin jedhee himate.
Kana malees mootummaa amantii hundeessuu fi mootummaarratti dhiibbaa uumuun miseensonni “ koree furmaata barbaadduu Hawaasa Muusliimaa sagaleen keenya yaa dhagayamuu” hidhaadhaa akka hiikaman yaalaaniiru ittin jedheera.
Namoota 20n akka hidhamn itti murta’ee keessaa lama gaazexxestoota Raadiyoo Bilaal Kaaliid Mohammaad fi Darseemaa Soorii akka ta’an himameera.
Gaazeexxessaa Darseemaa Soorii waan dhukkubsatuuf hidhaa waggaa afurii fi ji’a shanii itti murta’eera. kan hafan namoonni 19 waggaa 5 fi ji’a jaha akka hidhaman manni murtichaa itti murteesseera.
Mannii Murtii federaalaa dhadacha 19ffaa murtii hidhamtoota irratti murta’ee wayita dubbisuuf hidhamtoonni ”sagaleen keenya yaa dhaga’amuu” jechuun iyyaa akka turan beekameera.
Manni murtichaas maatiiwwaan fi hiriyoota hidhamtootaan adeemsa murtii hordofuu dhufaniin guutamee akka ture himameera.
Maatiiwwaan fi hiriyoonni hidhamtoota murtii murteeffameetti dalanaanii kan mormaan yoo ta’u, pooliisiin mana murtii keessa akka isaan baasee himameera.
Namoota 20n akka hidhaman itti murta’ee keessa Ibraahiim Qamaar, Fitsuum Charnaat , Shee Suudiinn Nasaradiin fi Usmaan Abduu namoota 38 mana hidhaa Qilxoo ibddaan guban jedhamanii abbaa Alaangaatiin himataman keessatti ni argamau.
Muslimoonni Itoophiyaa Mootummaan dhimmaa Amantii keessa seenuu hin qabu jechuun waggoota darabaan mormaa turaniiru.
Mormiin kun babal’achaa osoo hin deemne akkasumas garagarummaa Mootummaa fi hawaasa musliimaa gidduu jiru furuuf namoonni fedhii ofiin koree hundeessan mootummaan maqaa yakka shororkeessummaa jedhuun waan hidheef mormiin kun akka cimuuf sababa ta’eera.