Bakka Bu’aanni Parlaamaa Ijipt dhiyeenya Itoophiyaa akka daawwatan Parlaamaa biyyaatti beeksisaanaaru

Bakka bu’oonni parlaamaa Ijipt Itoophiyaa akka daawwatan parlaamaa biyyaatitti hogganaan koree dhimma Afriikaa Mostafaa Eel-Geendii Ejeensii Oduu MENA jedhamutti himaniiru.
Afa Yaa’ii Parlaamaa Biyyaatti Alii Abdeel Al- Heedaadii miseensoota parlaamaa koree dhimmaa Afriikaa waa’ee walitti dhufeenya biyyoota Afriikaa wajjiin jiru ilaalchisuun akka mari’atan Eel- Geendiin himaniiru. Mariin isaanii kun waa’ee walitti dhufeenya Itoophiyaa wajjiin jirus kan ilaalatu akka ture himaniiru.
Bakka bu’oonni Parlaamaa Ijipt dhimmoota maal irratti xiyyeeffachuun qondaltoota fi miseensoota mana maree bakka bu’oota Ummataa Itoophiyaa wajjiin akka mari’atan ifatti hin beekamne
Akka hogganaan koree dhimma Afriikaa kanaatti, bu’uurri walitti dhufeeny Ijiptii fi Itoophiyaa kan hundeefame biyyoonni laman akka wal hin miineetti jedhan. Qaamni kamuu walitti dhufeenya seena- qabeessa biyyoota lamanii kana diiguu akka hin dandeenye beeksisaaniiru.
Waliitti dhufeenyi biyyoota lamanii mormii Ummataa Itoophiyaa keessatti ka’ee wajjiin wal qabatee waan wal himaachuu fi waakkachuu irratti xiyyeeffatee fakkataa.
Mootummaan Ijiptii garee mormittoota deeggaraa jira jechuun Mootummaan Itoophiyaa ifaatti himachuuu jalqabeera.
Ijiptii garee mormitoota mootummaa Itoophiyaa meeshaa waaraanaatiin fonqolchuuf qabsa’aan deeggaraa jirtii jechuun Pirizedaantiin Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaa dubbatanii turan.
Kaayyoon Ijiptii garee mormitoota deeggartuuf immoo pirojektiin hidhaa haaromsaa bishaan laga Naayeel na jala hir’isa jettee waan soodatuuf dhabsiisuuf akka ta’e pirizedaant Mulaatuun dubbatanii turan.
Ijipt gamaisheetiin, himaannaa mootummaa Itoophiyaa soba jechuun waakkachuun ishee ni yaadatama.
Mootummoonni Itoophiyaa, Ijiptii fi Sudaanii garee biyyota sadeen kan hirmaachisee garee pirojektiin hidhaa haaromsa fedhii biyyoota sadeenuu akka hin miineef qoratuu Bitoteessa 2015 mallatteesaniiru.