Naannoo Beenishaangul Gumuziitti mormitoota meeshaa waraanaa hidhatanii fi loltoota mootummaa gidduutii waraanaa tureen wajjiin walqabatee magaalaa Asoosaatti namoonni 12 hidhamuun isanii beekameera.

Falmaan mirga namoomaa Beenishaangul Gumuz obboo Haaliid Nasiir namoonni hidhaman namoota nagaa naannicha jiraatan akka ta’an ESATtti himaniiru.
Waraana Bilisummaa Warraaqsa Ummata Beenishaangul fi loltoota wayyaanee gidduutti tureen looltoonni wayyaanee 8 wayita ajjeeffaman kan warraaqsa Beenishaanguul keessa immoo namni tokko ajjeeffamuu himaniiru.
Gareen Bilisummaa Warraaqsa ummata Beenishaangul Gumuz haleellaa haaraa naannoo sharqollee jedhamutti waraana wayyaanee irratti baneen miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota addaa naannichaa irratti miidhaa qaqqabsiiseera.
Hoogganaan garichaa obboo Abdillaahii Aladiihii dhiyeenya ESATtti akka himanitti, gareen isaanii haleellaa dhiyeenya loltoota mootummaa irratti raawwateen loltoonni mootummaa 51 ajjeefamaniiru.
Waraana kanaan namoonni nagaa baay’en akka du’anis himaniiru.
walitti bu’iinsa kanaan namoonni baay’een godinaalee naannichaa adda addaa keessaa qabamanii gara magaala Asoosaatti fudhatamaniiru.
Waraana naannoo Sharqollee Mangeetti gaggeeffamaa jiruun miseensonni raayyaa ittisa 4 yoo ajjeeffaman garee warraaqsaa keessa immo lama du’uusaanii Obboo Haaliid Nasiir himaniiru. Yeroo ammaa naannichatti rakkoon tasgabbii dhabuu guddaan akka jiru obboo haaliid dubbatniiru
Naannoo Beenishanguul Gumuzitti sarbamuun mirga namooma mootummaan wayyaanee qaqqabsiisaa jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka dhufe obboo Haaliid himaniiru.
Akka isaan jedhaniitti naannichatti namoonni kuma tokkoo ol seeraan ala hidhamaniiru.
Sarbamuun mirga namoomaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan dhufeef ummanni naannichaa mirga isaaf qabsa’uu akka jalqabe beeksiisaniiru