Walitti bu’iinsi Daangaa irratti uumamee rakkoo Kontirobaandii fi Daldalaa Seeraan alaa akka ta’e ministirri muummee obboo Haaylamaariyaam Dassaleeny himan.

Ministirri muummee Haayilamariyaam Dassaleeny, Walitti bu’iinsi daangaa Oromiyaa fi naannoo Soomaalee rakkoo kiraa sassaabdummaa fi daladala kontirobaaandii akka ta’e miseensoota mana marii mootummaa isaaniti himaniiru.
Daldalli Jimaa fi Maallaqa Dolaarii Seeraan alaa naanneessuun walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleetiif sababa akka ta’e muumichi ministeera ibsanii//
Waliitti Bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee lammiilee kuma hedduu qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqisee fi lubbuu namoota baay’ee galafate kun rakkoo daangaa caalaa gocha kiraa sassaabdummaa akka ta’e dubbataniiru.
Humnoonni Addaa walitti bu’iinsicha to’aachuuf wayita yaalaan gara namoota ajjeessuutti ce’aan akka jiran obboo Haayilamariyaam himaniiru
Obboo Haayilamariyaam Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee lammiilee irratti gocha sukkaneessaa raawwachun beekamu fi walitti bu’iinsa daangaa babal’isee jedhame himatamu adda baasuun balaleeffachurra of-qusataniiru.
Gaaffii Miseensoonni mana marii Liyyuu Pooliisii kan jedhamu maaliif hin diigamne jedhanii gaafataniif obboo Haayilamariyaam deebii laataniin, pooliisiin maqaan liyyuu jedhamee waan kennameef kan jedhu dogongora jedhaniiru.
Poolisooni idilee fi liyyuu lachuu walitti bu’iinsa daangaa kana keessatti akka hirmaataniif rakkoon ilaalacha malee maqaan liyyuu pooliisii jedhamu waan kennameef miti jedhan

Jeneraloonni waayyaannee baay’een daldala jimaa dhuunfaan qabachuu akkasumas daldala kontirobaandii irratti bobba’uun miiliyenaroota ta’uun isaanii ni himama.
Buufatalee to’aannoo Abbaa Taayitaa Gumuruukii fi Gaaliwwaan Itoophiyaa naannoo daangaa biyyaatti fi daldala kontirobaandiin itti baay’atu hundatti dhalattoota saba Tigiraay qofa ramaduun daladala seeraan alaa akka cimsan keessa beektoonni himaniiru.

Obboo haayilamariyaam Dassaleeny gaaffii qondaltoonni olaannoo maaliif fedhiisanitiin aangoo gadhiisuu jedhuf obboo Barakaat Simi’oon aangoo gadhisuuf yeroo adda addaa gaafacha akka turan himaniiru.
Gaaffiin obboo Barakaat fudhatama kan argate yoo ta’u, kan Abbaa Duulaa Gammadaa garuu marii irra waan jiruuf furmaata hin argane jedhaniiru.
Afa yaa’iin mana marii bakka bu’oota ummataa Abbaa Duulaa Gammadaa fedhii isaanii yoo ta’e hojii osoo itti fufanii gammachuu isaanii akka ta’e obboo Haayilamariyaam himaniiru