Achi-buuteen hidhamtoota siyaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa , Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo fi Addisuu Bullallaa kan barbaachi isaanii rakkisaa tahee ture guyyaa arraa mana murtii Lidataa iiti argaman. Guyyaa arra dura Maatin hidhamtoota kanneen manneen hidhaa jiran maratti deddeebi’anii barbaadaa jiraatanis arguuf milkaawuu hin dandeenye ture. Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii guyyaa ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Galaanni Roobaa Magaalaa Dirrii Dhawaatti lubbuu namaa tii fii Qabenya irratti balaa guddaa uume.
Roobni guddaan Wiixata kaleessa magaalaa Dirree Dhawaatti roobeen kan ka’e galaanni lubbuu namoota afuri galaafate jira. Roobni sa’aa shan guutuu walitti dhaabee robe ganda magaalaa dirree dhawaa lama irratti balaa hamaa waan uumeef lubbuun jiraattotaa tiis akka dhabamuun malu poolisoonni hubachiisan. Galaanni Roobaa Riqichi magaalaa Dirree Dhawaa walitti fidu waan jiiyseef magaalaan bakkee lamatti adda cittee jiraachuu barame jira. Galaanni ...
Read More »Naannoo Gaambeellaatti walitti bu’insi lammiilee cimaati jira.
Jiraattota Naannoo Gaambeellaatti fii baqattoota biyya suudaan kibbaa kan koola galtummaa argatanii naannoo Gambeellaa jiraatan jidduutti waldhabbii uumamteen namoonni 14 akka ajjeefaman jaarmayoonni gargaarsa adunyaa ibsan. Baqattoonni biyya Suudaanii kanneen koola goltummaa argatanii biyya Itiyoophiyaa jiraatan sababaa konkolaataan tokko baqataa 2 ajeeseef jecha lubbuu lammiilee itoophiyaa 10 akka ajjeesanii nagaya eeyduun mootummaa namoota ajjeechaa kanaa waliin hidhata qaban ja’aman 30 ...
Read More »Magaalaan Harar saganttaa mana diiguu irratti guyyaa arraa rakkoo keeysa oolte.
Karoora mootummaan naannoo manneen kuma 2 oli jiigsuu irratti baafteen ummanni shorarkaa keessa jiraachuun hubatame. Manneen bara 10 niif jaaraa jirru maalif nutti calliftan jechuun Ummanni gaafataniis deebisaa takkallee hin arganne. Bulchinsa Aanaa Shankoor itti manneen kumaa oli akka deegamuuf jiraatn waan karoorameef jecha guyyaa arraa riqicha aanaan Shankoorii fii dirree xayyaaraa walitti fidu biratti dhagaalee gurguddaa tuuluun daandii cufaati ...
Read More »Senaataroonii Ameerikaa 12 Tarkaanfi Mootummaan Itoophiyaa Lammiiwwan Irratti Fudhatu Balaaleffatan
Senaataroonii Yunaaytiid Isteets 12 mootummaan Itoophiyaa mirga lammi biyyaa akka kabajjuu fi biyya bulchuu keessatti caasaan hawaasaa hundi bakka bu’oota akka qabaachuun irra jiru gaafachuudhan guyyaa Ebla 21, 2016 wixinee baasaniiru. Wixinee tana irratti senaataroonni tarkaanfii humnoonni mootummaa Itoophiyaa namoota hiriira mormii karaa nagahaaatiin geggeessanii fii, gaazexeesotaa, akkasuma lammiiwwaan biyyichaa irratti fudhachaa jiran balaaleffataniiru. Senaatariin godina Meerilaandii fi, Seneetii Yunaaytiid ...
Read More »Mormii Bulchinsa Oromiyaa waliin hidhata qabdan jechuun namoonni 22 seera farra shororkeessummaa tiin himataman.
Mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee tiin eegalamtee Oromiyaa keessaatti ji’oottan shan lakkaawwattee baatii jahaffaaf deemtuu waliin hidhata qabdan jechuun hooganoota jaarmaya KFO waliin namoota 22 irratti seera shoorarkeessummaatiin abbaan halangaa mana heeraatti himannaa guyyaa Jimaata dhiheeyse jira. Hoogganaan jaarmaya KFO obboo Baqqalaa Garbaa ammaan duraas haaluma kanaan wal fakkatuun mana heeraatti dhihaatee yakkamee bara afur erga hidhamee turee gadi lakkifamee ...
Read More »Ammaas Lammiileen Itoophiyaa biyya isaanii irratti namoota biyya alaatiin ajjeefamuun itti fufeeti jira.
Guyyaa Kamisaa namoota konkolaataan ajjeefaman lama biratti lubbuun nama 13 ajjeefamuun barame. Baqattootni Biyya Suudaanii kanneen Naannoo Gambeellaa Mooraa baqattuu Jawwii ja’amtu keessatti qubsuma baqattummaa argatanii jiraatan lammiilee biyya Ithoophiyaa 13 haala suukanneeysaan waraanaa fii habaleen tumanii cicciranii haala suukanneessaan akka ajjeesan jiraattonni naannoo warri ijaan argan Raadiyoo VOA dame afaan Amaaraa tiif haala nama suukanneeysuun ibsaniiti jiran. Balaa tanaan ...
Read More »Baqattootni Itoophiyaa biyya keeniyaa tti humnoota tika TPLF iin shoorarkaawaa jiraachuun barame.
Baqattootni rakkoo siyaasaatiif biyya Itoophiyaa irraa baqatanii biyya keeniyaa jiraatan damee tika mootummaa TPLF iin daraa keessa jiraachuun hubatame. Gaazeexaan Okey Afrikaa ja’amu kan keeniyatti qophaahu akka gabaasetti baqattootni lammii Itoophiyaa kan rakkoo siyaasaatiif biyya irraa baqatanii biyya keeniyaa jiraatan qabeenya isaanii saamamuu bira darbanii haala sodaachisaa cimaan akka doorsifamaa jiran gabaaseera. Gaazeexaan kun baqataa Obboo Taarikuu Dabalaa ja’amu ragaadhaaf ...
Read More »Guyyaa Arraa magaalaa gudditti biyya Ameerikaa Waashington D.C. tti Oromoonni kutaalee biyya Ameerikaa 28 fii Biyya Kanadaa irraa walitti dhufan marii fii hiriira akka taasisaa jiran ibsame
Qophii tanaaf torbee sadii caalaa qophii cimtuu taasisuun hawaasni Oromoo godinaalee biyya Amerikaa jiraatan marti akka qooda irraa fudhatan tattaafachaa turuuniis barameera. Qophii guyyaa arraa tana milkeeysuuf jecha kaleessa galgala hoteela Metro Point tti walgahuun haala sagantaa guyyaa arraa itti qaceeluun malu irratti marii addeellaan face book gubbatti adunyaa maraaf dabrsaa ti turan. Marii tana irraa hiis sadarkaa adunyaatti namoonni ...
Read More »Hidhattoonni Suudan Kibbaa Daangaa biyya Itoophiyaa ciihanii Gambeellaa Seenanii Nama 200 Ol Ajjeesan
Hidhattoonni gosa Murlee, torban darbe keessa, Sudaan Kibbaa irraa gara daangaa Itoophiyaa seenani namoota baayyee ajjeesuu isaanii fi joollee 100 ol fudhatani horii beeyladaa hedduu saamanii gara Sudaan Kibbaa deeb’uu miidiyaaleen gara garaa gadda cimaan gabaasaati jiran. Haaluma kanaan Televisonni fii Radiyoon Isaat goyyaa sadi hiif guyyoota gaddaa labsaniiti jiran. Akkuma himamutti hidhattoonni gosa Murlee jimaata darbe Suudan Kibaatii gara ...
Read More »