Galaanni Roobaa Magaalaa Dirrii Dhawaatti lubbuu namaa tii fii Qabenya irratti balaa guddaa uume.

Roobni guddaan Wiixata kaleessa magaalaa Dirree Dhawaatti roobeen kan ka’e galaanni lubbuu namoota afuri galaafate jira. Roobni sa’aa shan guutuu walitti dhaabee robe ganda magaalaa dirree dhawaa lama irratti balaa hamaa waan uumeef lubbuun jiraattotaa tiis akka dhabamuun malu poolisoonni hubachiisan.
Galaanni Roobaa Riqichi magaalaa Dirree Dhawaa walitti fidu waan jiiyseef magaalaan bakkee lamatti adda cittee jiraachuu barame jira.
Galaanni Konkolaatota lama kan riqicha jalaa cirracha fe’aa turan fuudhuun lubbuun namoota konkolaatota bira jiranee achi buuteen isaanii hin beekkamne.
Galaana Dirree Dhawaatiin kan ka’e gandi naannoo dirreetti dhihaatu gandi Ija Aannanii sababaa galaanaatiin manneen hedduun akka jigan jiraattonni miidiyaaleef ibsaati jiran.
Balaa Rooba galaanaa kanaan lakkoofsi lubbuu jiraattota galaanni fuudhee dabaluun akka dandahu herregamaati jira.

Bara 10 duraas Magaalaa Dirree dhawaa tanatti balaa galaana roobaatiin jiraattonni 200 oli akka galaafatamni turan ni yaadatameera.

Baatii dabarti magaalaa Jijjigootti galaanni lubbuu namoota 28 ajjeesuun namoonni 50 oli tahan yeroof achi buuteen isaanii dhabamuu odeeyfannoo irate gabaafamuun ni yaadatama.

Kun kanaan tahee osoo jiruu:
Galaanni naannoo Soomalee fii Afaaritti sagantaa gargaarsaa dirmachuu beelaatiif geggeeyfamaa jirtu akka jeeqaa jiru jaarmayoonni gargaarsaa ibsaati jiran.

Galaani roobaa kan lubbuu namoota 20 olii ajjeese kun daandiilee konkolaatota geejiba garagaasaa balleeysuun sagantaa gargaarsaa sirritti hojjachuun rakkisaa akka tahe Jaarmayni koomishina baqattoota Noorwaay hubachiiseeti jira.

Rakkoolee jirtuuf hatatamaan furmaata yo hin argamsiifne jiraattonni baayyeen gaa’ga’amuuf akka jiraatan Obboo Mahamad Hassan bakka bu’aan jaaramayoota gargaarsa naannoo Soomalee hubachiise.

Balaan sababaa rooba dhaba goggogaatiin naannoo 6 keeysatti beela uumaa jirtu keeysattuu beela hamtuu naannoo Soomalee tii fii naannoo Affaartti jiraattotarran gahaa jeraacguun horiin beeyladaalee naannoo kanaa 90% akka dhuman midiyaalee gara garaa irratti ibsamuun ni yaadatama.
Naannoo balaan Goggoginsaa rakkaa jirtu kana keeysatti rakkoo galaana roobaatiin dhukkoboonni sababaa bishaaniitiin uumaman rakkoo dabalata addaa akka uumaa jiran jaarmayoonni gargaarsaa ibsaati jiran.
Hinboonyu hinkofallu: