Baqattootni Itoophiyaa biyya keeniyaa tti humnoota tika TPLF iin shoorarkaawaa jiraachuun barame.

Baqattootni rakkoo siyaasaatiif biyya Itoophiyaa irraa baqatanii biyya keeniyaa jiraatan damee tika mootummaa TPLF iin daraa keessa jiraachuun hubatame.
Gaazeexaan Okey Afrikaa ja’amu kan keeniyatti qophaahu akka gabaasetti baqattootni lammii Itoophiyaa kan rakkoo siyaasaatiif biyya irraa baqatanii biyya keeniyaa jiraatan qabeenya isaanii saamamuu bira darbanii haala sodaachisaa cimaan akka doorsifamaa jiran gabaaseera.
Gaazeexaan kun baqataa Obboo Taarikuu Dabalaa ja’amu ragaadhaaf tilmaamuun magaalaa Nayroobii bakka Islii jedhamtutti humnootni damee tika TPLF tahan afur konkolaataa irraa bu’uun doolaara 200 fii bilbila isaa humnaan erga harkaa fudhatanii booda mootummaa Itoophiyaa waliin hojjedhu, ta’uu baannaan du’atu si eeggata jechuun sodaachisuu isaanii ibsanii jiran.
Baqattoonni hidhaa, dararaa fii ajjeechaa dheessuun biyya irraa baqatanii biyya keeniyaa seenan dahannoo baqattummaa heeraa mootummaa keeniyaa irraa argachuu dhabuudhaan rakkoo keessa akka jiran Gaazeexaan kun hubachiise.
Gazeexaan kun yaada jaarmaya Amnesty International irratti irkachuudhaan ji’a Amajjii bara 2016 keessa baqattootni 25 qabamanii humna mootummaa itoophiyaatitti akka kennamanii jiran hubachiisan.Baqattoota human mootummaa Itoophiyaatti kennaman kana hawasni baqattoota oromoo keeniyaa akka himaa turaniis gaazeexaan kun gabaaseera.

Itti gafaatamaan Amnesty International Naayiroobi akka keeniyaan seera baqattoota hordofaa hin jirre gaazexaa okay Afrikaattiif ibsan.

Rakkoon biyyoota ollaa keessatti baqattoota irra gayaa turee fi jiru hedduu cimaa fi yaachisaadha.
Baqattoonni biyyoota ollaa hunda keessatti kabajaa fi gargaarsa isaan barbaachisu (barnoota, nyaata, iddoo quphannaa fi hiree hojii) silaa argachuu qaban.
Bara 2015 itti baqattooni Itoophiyaa iraa baqatanii biyya Keeniyaa jiraatan 160,427 gaazeexaan kun odeeyfannaa dhaaba baqattoota adunyaa UNHCR tilmaamuun gabaaseera.