Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hoogganoota KFO Ol’aanoo Biroo Sadii kan Achii-buutee Isaanii Dhabaman guyyaa Arraa mana murtii Lidaataatti argaman.

Achi-buuteen hidhamtoota siyaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa , Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo fi Addisuu Bullallaa kan barbaachi isaanii rakkisaa tahee ture guyyaa arraa mana murtii Lidataa iiti argaman.

Guyyaa arra dura Maatin hidhamtoota kanneen manneen hidhaa jiran maratti deddeebi’anii barbaadaa jiraatanis arguuf milkaawuu hin dandeenye ture.

Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii guyyaa Jimaata dabre kanneen mana-murtiitti himannaan shororkeessummaa itti dhihaate namoota 22 keessaa, hoogganoonni ol’aanon afuran kuni achii-buuteen isaanii dhabaman, jechuun maatiin isaanii waywaataa jiraachuun ni yaadatama.

Hoogganoonni dhaabichaa KFO afur – jechuun – Obbo Baqqala Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa, Jimaata dabre kana yaroo mana-murtiitti dhihaatanii himannaan itti dhihaatetti, abbaan-murtii akka isaan gara mana-sirreessaa Finfinnee Qilinxootti geessaman ajaja kenneeti turan.
Mucayyoon Obbo Baqqalaa Garbaa – dubree Boontuu Baqqalaa, akka ajaja abbaa-murtiitti silaa gara Qaallittiitti geessu – jennee yaadnee turre, garuu konkolaataa isaan ittiin geessaman hordofnee faana deemnee, mooraa mana-sirreessaa Qilenxoo akka galchan agarre. Nuti dubbisuuf yaallaan Sa’atiin dabree , ja’anii waan nu deebisaniif keessa seenuu hin dandeenye – jechuun Raagiyoo VOA dame afaan oromoo tiif ibsite turte.
Boontuu Baqqalaa fi Obboleettiin Obbo Addisuu Bullaallaa – Muluu Bullaallaa, “akkuma hidhamtoonni 22maan mana-sirreessaa Qilinxoo seennetti, otuu hidhamtoota birootti hin dabalamiin dura qoricha liqimsuu qabdan, nuun jedhan ja’aniiti nutti himan jechuun yaada ibsan.
Nuti hundinuu Otuu nu hin dhukkubiin maaliif qoricha liqimsina? Jennee didne. Achii booda, Obbo Baqqalaa fi hoogganoota biroo afran achuma waajjira Bulchiinsa mana-sirreessaa keessatti hambisanii, warra kaan godinaa mana-sirreessaa tti adda addaatti ramadan. Achii booda isaan afran hin agarre jechuun nuti himan ja’aniiti ibsan.

Guyyaa kibxata Arraa Obboo Baqalaa Garbaa tii fii Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa,faan mul’atan.
Baqqalaa Garbaa faan Guyyaa har’aa mana murtii Lidataatti fidanii akka himanitti guyyoota afran dabraniif mana hidhaa Qilinxoo keessatti mana dukkanaa keessatti ukkaamfamanii tursiifamuun ni shakkama. Sababni kun ta’eefis gaafa Maakalaawii irraa gara mana sirreessii Qilinxoo geeffaman kiniina hin beekamne tokko liqimsaa jennaaniin waan didaniifi jecha akka hidhamtoota biroo keessaa isaan afran kophatti qaban himama. Dajanee Xaafaa nageenya ofii isaatii fii hidhatootaa waliin jiraniif akka yaaddawu mana murtiiti himee ti jira. Baqqalaan ammoo dhaddachi dhimmi isaanii itti laalamu ummataaf banaa akka ta’u gaafatee jira. Manni murtichaa ittisa himatamtootaa dhaggeeffachuuf gaafa Caamsaa 11 bara 2016 tti beellama kennee jira.
Hidhamtoota siyaasaa 22 keessaa Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee kanneen tarree duraa kurnan jalatti argaman ‘labsii farra shoorarkeessummaa keewwatoota 3/1, 3/3, 3/4 fi 3/6 ni himataman. Keewwattoonni kun mata matatti adaba waggaa 15 irraa hamma du’aatti kan qabu.