Hidhattoonni Suudan Kibbaa Daangaa biyya Itoophiyaa ciihanii Gambeellaa Seenanii Nama 200 Ol Ajjeesan

Hidhattoonni gosa Murlee, torban darbe keessa, Sudaan Kibbaa irraa gara daangaa Itoophiyaa seenani namoota baayyee ajjeesuu isaanii fi joollee 100 ol fudhatani horii beeyladaa hedduu saamanii gara Sudaan Kibbaa deeb’uu miidiyaaleen gara garaa gadda cimaan gabaasaati jiran.
Haaluma kanaan Televisonni fii Radiyoon Isaat goyyaa sadi hiif guyyoota gaddaa labsaniiti jiran.
Akkuma himamutti hidhattoonni gosa Murlee jimaata darbe Suudan Kibaatii gara daangaa Itoophiyaa ceehanii, naannoo Gaambeellatti haleelaa taasisaniin lakkooysi namoota du’anii hanga ammaa 208 gahuun, ammo lakkoofsi dabaluun akka malu herregameera.
Namoota ajjeefaman Kana keessaa bayyeen isaanii ijoolleedha fi dubartoota akka tahaniis barameera.
Mummichi Ministira Itoophiyaa Obboo Haylamaariyam Dasaalany Dilbata galgala Televisiinii Itoophiyaa irratti gadda itti dhagahamee ibsanii, gochi akkanaa kana duraas ta’ee beekuu isaa dubbatan. Obbo Haylamaariyam akka humni waraana Itoophiyaa ijoollee hidhatoota Murleetin fudhataman barbaaduu irratti waan danda’u hunda akka taasisaa jiran ibseera.
Haala ajjeechaa gaddisiisaa kana irratti gara mootummaa Suudaan Kibbaarraa wanni ibsame hin jiru.
Itti gaafatamaan Dhimma kominikeeshinii Itoophiyaa obbo Getaachoo Raddaa gama isaatin ,humnni waraana Itoophiya hidhatoota kana keessa gara 60 ajjeesuu isaa Asooshiyeetid Piresitti (Associated press) himanii, humni waraana Itoophiyaa gara daangaa Sudaan Kibbaa cehee jara kana qabuudhaaf tattaaffii irra akka jiran hubachiiseera.