Senaataroonii Ameerikaa 12 Tarkaanfi Mootummaan Itoophiyaa Lammiiwwan Irratti Fudhatu Balaaleffatan

Senaataroonii Yunaaytiid Isteets 12 mootummaan Itoophiyaa mirga lammi biyyaa akka kabajjuu fi biyya bulchuu keessatti caasaan hawaasaa hundi bakka bu’oota akka qabaachuun irra jiru gaafachuudhan guyyaa Ebla 21, 2016 wixinee baasaniiru.
Wixinee tana irratti senaataroonni tarkaanfii humnoonni mootummaa Itoophiyaa namoota hiriira mormii karaa nagahaaatiin geggeessanii fii, gaazexeesotaa, akkasuma lammiiwwaan biyyichaa irratti fudhachaa jiran balaaleffataniiru.

Senaatariin godina Meerilaandii fi, Seneetii Yunaaytiid Isteetsitti miseensa ol-aanaa koree dhimma biyya alaa Senator Been Kaardiin” tarkaanfiin hammaatan humnoonni mootummaa Itoophiyaa lammii biyyichaa irratti fudhatan hedduu waan nama suukanneeysuuf yaaddoo isaanii ibsaa, maatii namoota gocha kanaan ajjeefamaniif gadda kiyya ibsuun barbaada” ja’anii yaada isaanii ibsataniiru. Mootumman Itoophiyaa seeraa shororkeessummaa falmuuf jecha; tarkaanfiin gaazexessootaa fi lammii biyyaa irratti fudhachaa jiran gaarii akka hin tahin hubachiisanii jiran.
Senaatar Ruubiyoon kan fillannoo pireesdaantummaa Ameerikaan bara 2016 haaf dorgomaa jiru ” Itoophiyaa keessatti namoonnii karaa nagahaatiin mormii geggeessaa jiran yakka malee hidhamaa, ajjeefamaa akka jiran yaada isaanii ibsanii jiru.
Senaatar Ruubiyoon, dhiittaa mirga dhala namaa tan mootummaan Itiyoophiyaa geggeessaa jirtu ciminaan balaaleffachuun Pireesedaant Obaamaan hariiroo Yunaaytid Isteets fii Itoophiyaa keessatti dhimmi mirga dhala namaa fi uunkaan siyaasaa akka daddafiin sirraawu gaafataniiru.
Wixineen senaataroota kudha lamaan mallatteeffame kun, Ministerri haajaa alaa Yunaaytid Isteets Joon Keerriiin, gargaarsa Ameerikaan dhimmoota nagahaa-eeguuf Itiyoophiyaaf gumaachan akka irra deebitee laalun barbaachisaa tahe dhaammatanii jiran .
Mootummaan Itoophiyaa gochaa kana hatattamaan dhaabee tarkaanfii sirnaa fudhachuun ;humnoota badii keessattuu ajjeechaa lubbuu jiraattotaa irratti rawwatan heeraaf dhaleessuu akka qaban hubachiisaniiru.