Gareen Mootummaa Ijipt Ministeera Qabeenya Bishaanii fi Jallisii hogganamu walgahii hatattamaa biyyoota Sulula Laga Naayeel irratti hirmachuuf Ugaandaa akka jiru gaazeexxaan biyyaatti tokko gabaaseera.

Walgahiin hatattamaa biyyoota sulula laga Naayeel kun walgahii ministeerota qabeenya bishaanii biyyoota sulula lagicha keessatti argaman torbee darbee Suudaanitti ta’aan hordofuun akka qophaa’e himameera.
Walgahii Suudaan Kaartuumiitti torbee darbe gaggeeffame irratti Ministeeronni qabeenya bishaanii Ugaandaa, Suudaan, Ijiptii fi Ruwaandaa irraa hirmaataniiru.
Itoophiyaa fi keeniyaan gama bakka bu’oota isaaniitiin walgahii kana irratti akka hirmaatan gaazeexxaan Ijipti Daily News jedhamu gabaaseera.
Walgahiin Ugaandaa kun waliigaltee kanaan dura biyyoonni sulula laga Naayeel keessatti argaman irra gahanii turaniif Suudaanii fi Ijiptiin fudhatama osoo hin argatiin hafe irratti xiyyeeffachuun akka mari’atan himameera.
Kana malees Suudaanii fi Ijipti marii biyyoota sulala laga Naayeelii bara 2010 dhiisanii keessaa bahanitti deebi’anii hirmaachuu haala itti danda’anirrattiis akka mar’atan himameera.
Walgahiin biyyoota Sulula laga Nayeelii kun bu’aa walgahii Kaartuumi irratti akka hunda’u gazeexxaan kun gabaaseera. Walgahii Kaartum irratti filannoo lamaatu dhiyaate ture.
Filannoon jalqabaa rakkoo Ijiptii fi Suudaan Biyyoota sulula laga Naayeel biroo wajjiin qaban yaada furmaataa irra gahuudha jedhameera. Yaadni inni lammataa yaada furmaata hanga walgahiin hoggantoota biyyoota kanniin waxabajjii dhufu gaggeeffamuutti tursiisuu kan jedhu.
Biyyoonni Sulula laga Naayeel akka lakkofsa farajoota bara 2011 waliigaltee misooma Lagichaa wayita mallatteessan Ijiptii fi Suudaan diduun isanii ni yaadatama.
Suudaan fi Ijipti waliigaltee kana mallatteessu kan didaniif seenaa mirga itti fayyadama bishaan lagichaa yeroo dheeraaaf qaban ni miidhaa jechun akka ta’e gabaaafameera.
Hidhaan Mootumaan Ityoophiyaa laga abbayyaa irrati ijaaraa jiru midhaa narraan gahuu danda’a jechudhan ijibti duula deggarsa Diplomaasii gochaa akka jirtu beekkama.