Naannoo Oromiyaatti Abbootiin warraa 200 ol Godinaalee sadii ka’anii Dhidheessaa akka qubatan taasifaman waggoota 7f buufata yeroof keessa jiraachuun rakkoof saaxilamuusanii himaniiru

Abbootiin warraa 200 ol godinaalee Oromiyaa sadii keessaa ka’anii Dhidheessaa akka qubatan taasifaman waggoota 7 darban buufata yeroo keessa maatii isaanii wajjiin akka jiraataniif waan dirqamaniif rakkoo adda addaaf akka saaxilaman himaniiru
Abbootiin warraa kunniin buufata yeroo keessaa mana ijaratanii bahuuf qaama mootummaa dhimmi ilaallatu hundaaf gaaffii dhiyeessanis deebii argachuu hin dandeenye jedhaniiru
Abbootiiin warraa amma mana jireenya dhabanii rakkatan kunniin sagantaa qubannaa jedhuun abbootii warraa 2000 bara 2002 godinaalee Oromiyaa sadii irraa ka’anii Godina Bunoo Badallee Aanaa Dhidheessaa akka qubatan karoorfame keessaati argamu .
Abbootii warraa sagantaa qubannaa jedhuun godinaalee Oromiyaa sadii irra ka’anii aanaa Dhidheessa qubatan 1,604 bakki mana jireenya itti ijaaratan akka kennameef Hogganaan Waajjira Ittisa Balaa fi Qophaa’insaa Aanaaiichaa Obbo Sulxaan Ifaa himaniiru
Sagantaadhuma qubanaa kanatiin Abbootiin warraa 266 bakki manni jireenyaas ta’e bakki mana itti ijaaratan akka hin kennamneef obboo Sulxaan Miidiyaalee biyya keessatti himaniiru
Qubattoota godinaalee sadi keessaa ka’anii aaniichaa akka qubatan taasifaman keessa abbootiin warraa 24 gara godina dhufaniitti deebi’aniiru jedhan.
Abbootiin warraa hafan 242 waggoota 7 bakka mana jireenya itti ijaaratan dhabuun buufata yeroo keessa waggoota 7f jiraachuuf akka dirqaman himameera.
Lammiileen sagantaa qubanatiin qa’ee isaanii gadi dhisaanii gara aaniichaa deeman kunniin qaama mootummaa dhimmiich ilaallatu deddeebi’anii erga gaafatanii booda deebii waan dhabaniif hanga bakka qubatanii gadhiisuutti abdii kutachuusaanii obbo Sulxaan dubbataniiru
Abbootiin warraa kunniin boqqolloo kiiloo giraamii 15 Koomishinii Ittisa Balaa fi Qophaa’insaa naannoo Oromiyaan isaanii kennuun hanga har’a jiraachaa akka jiran himaniiru.
Lammiileen buufata yeroo keessa waggoota 7f akka jiraatan dirqaman kunniin bakka jireenya kennameef tuffatanii hin-fudhannu jedhan jechuun Itti-aanaan Bulchaa fi Hogganaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Bunoo Badallee Obbo Moosisaa Addunyaa dubbataniiru
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Silashii Geetaahun lammilee sababa Piroojaktii Sukkaaraa Arjoo Dhidheessaan buqqaa’anii malee waa’ee dhimma kanaa odeeffannoon kan isaan qaqqabe dhiheenyatti jedhaniiru.
Qondaltoonni Mootummaa naannoo Oromiyaa sadarkaa Godinaa hanga naannoo jiran abbootiin warraa kunniin waggoota 7f maatii isaanii wajjiin buufata yeroo keessatti wayita rakkatan osoo beekan sababa amansiisaa hin taane dhiyeessuun jireenya lammiilee kanniin hammeessa jiru