Pooliisoonni Keeniyaa Afur baqattoota lammiilee Itoophiyaa seeraan ala daangaa keeniyaa seenaanii qabamanii hidhaman 16 irra maallaqaa fudhachuun gadi dhiisaan hidhamaniiru

Baqattoonni lammiilee Itoophiyaa guyyoota murasaan dura gara magaala Mooyaleetiin daangaa qaxxamuruun Keeniyaa Naayiroobii imalaa osoo jiranii bakka Kaartiinaa jedhamutti qabamanii hidhamuusaanii Gaazeexxaan biyyaattiThe Standard jedhamu gabaaseera.
Pooliisoonni Keeniyaa Afur lammiilee Itoophiyaa qabanii hidhan kunniin erga qorannoo xumuranii booda Shilingii Keeniyaa kuma 100 fi kuma 28 irra fudhachuun akka gadi dhiisan gaazeexxaan kun gabaaseera.
Poolisoonni arfan yakka malanmaltummaa fudhachuu jedhuun akka himatamaan hogganaan qorannoo yakkaa bulchiinsa Niiyaaraa Birigeed Kaaniiyaa dhaabbilee sab- qunnamitiitti himaniiru
Pooliisoota Arfaan keessa tokko shilingiin kuma 58 gara bilbila harkaa isaatiin akka kennamuuf maallaqni hafee immoo pooliisoota sadeeniif akka kennamu gochuusa gaazeexxaan biyyaatti The Standard hogganaa qorannoo yakkaa waabeffachuun gabaaseera.
Wagga waggaan lammiilee Itoophiyaa kuma 10 ta’an gara Keeniyaatti akka baqatan ragaaleen ni mul’isu
Yeroo murasaa asi lakkofsi baqattoota Itoophiyaa dabalaa waan dhufeef abbaan Taayitaa Imigireshiinii Keeniyaa daangaa Itoophiyaa wajjiin ittiin wal dangeessan irratti buufataalee to’aannoo dabalataan hundeessuun ni yaadatama.
Biyyaattiin bajeeta dabaluun to’aannoo daangaa ishee cimsituus lammiileen Itoophiyaa baay’een karaa Mooyaleetiin baqachuu itti fufaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa kudha jahaan buufataalee to’aannoo cimaan itti gaaggeeffamu darbuun akkamitti gara magaala Naayiroobiitti imaluu akka jalqaban qorannoo kan adeemsifamu ta’u himameera.
Qamooleen Daangaa Keeniyaa to’aatan naannoo daangaa Itoophiyaa wajjiin ittin waldangeessan irratti buufataalee to’aannoo gara 20 hundeessaniis lakkofsa baqattoota hir’isuu akka hin dandeenye gabaafameera.
Lammiileen Itoophiyaa baay’een gara biyyoota Sudaan , Keeniyaa, Sumaliiyaa fi Yamaniitti baqachaa akka jiran himameera
Akka lakkofsa warra faranjoota bara 2016 qofa lammiileen Itoophiyaa kuma 90tti dhiyaatan gara biyya Yaman tan lola wal-wajjiin unkurumaa jirtuutti akka baqatan ragaan Dhaabbata Koolugaltoota Mootummoota gamtoomanii ni mul’isa.