Alshebaab ajajaa waraanaa tokko dabalatee loltoota Itoophiyaa jaha ajjeesuu hime.

Naannoo daandii bulchiinsa kibbaa Somaaliyaa magaalaa Awadiinitti boombii hidhameen ajajaa waraana tokko dabalatee loltoota Itoophiyaa jaha ajjeesuu isaa dhaabbatni Alshabaab ibse. Jiraattotni naannichaa loltootni gara buufata loltootaa naannicha jiruutti osoo deemaa jiranii miidhaan kun irra gahuu dubbatan. Gamtaa Afrikaas ta’e mootummaan wayyaanee miidhaa mudateef waan jedhan hin qaban

Read More »

poreKoreshinii ittisa biyyaa fi sibiilaa Bishooftuutti konkolaataan qonnaa qulqullina dhabuun mufii uume

Naannoo Amaaraatti mootummaan biyya bulchu dargaggoota waldaan ijaaramuun hojii qonnaa irratti bobbaasuun konkolaataa qonnaa kennameef qulqullina dhabuu isaatiin hojii dhaabuu fi waldaan isaaniis bittimmaa’uu dubbatan. Godinaalee naannichaa garagaraa keessaa dargaggootni mufii isaanii dhiheessan yuunuvarsiitiiwwan garagaraa fi kolleejota biraa digrii duraa fi dipolaamaan kan eebbifamaniidha. Dargaggootni kunneen wixinee hojii qonnaa irratti bobba’uu isaan dandeessisu dhiheessan fudhatama argachuun maallaqa qusachuun korporeeshinii Ingineringitti ...

Read More »

Haleellaa Gaambeellaatti raawwatame duuba harki hoggantoota Sudaan Kibbaa jiraachuu mala jedhame.

Torban darbe keessa uummatni Murlee hidhannoo cimaa qaban ajjeechaa gara jabinaan namoota nagaa irratti raawwatameen walii galtee dhabiinsi aangoo Salbaakirii fi Rikki Machaari gidduu jiru akka mul’isu gaazexaan Addunyaa tokko gabaase. Miseensotni uummata Muleer kan uummata Nuweer irratti miidhaa geessisan haala cimaan kan hidhatanii fi uummata Dinqaan marsamuu, gosti Rikmachaar karaa tokko gosti Saalbakiri karaa biraa hidhannaa guutuun naannoo sanatti ...

Read More »

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hoogganoota KFO Ol’aanoo Biroo Sadii kan Achii-buutee Isaanii Dhabaman guyyaa Arraa mana murtii Lidaataatti argaman.

Achi-buuteen hidhamtoota siyaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa , Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo fi Addisuu Bullallaa kan barbaachi isaanii rakkisaa tahee ture guyyaa arraa mana murtii Lidataa iiti argaman. Guyyaa arra dura Maatin hidhamtoota kanneen manneen hidhaa jiran maratti deddeebi’anii barbaadaa jiraatanis arguuf milkaawuu hin dandeenye ture. Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii guyyaa ...

Read More »

Galaanni Roobaa Magaalaa Dirrii Dhawaatti lubbuu namaa tii fii Qabenya irratti balaa guddaa uume.

Roobni guddaan Wiixata kaleessa magaalaa Dirree Dhawaatti roobeen kan ka’e galaanni lubbuu namoota afuri galaafate jira. Roobni sa’aa shan guutuu walitti dhaabee robe ganda magaalaa dirree dhawaa lama irratti balaa hamaa waan uumeef lubbuun jiraattotaa tiis akka dhabamuun malu poolisoonni hubachiisan. Galaanni Roobaa Riqichi magaalaa Dirree Dhawaa walitti fidu waan jiiyseef magaalaan bakkee lamatti adda cittee jiraachuu barame jira. Galaanni ...

Read More »

Naannoo Gaambeellaatti walitti bu’insi lammiilee cimaati jira.

Jiraattota Naannoo Gaambeellaatti fii baqattoota biyya suudaan kibbaa kan koola galtummaa argatanii naannoo Gambeellaa jiraatan jidduutti waldhabbii uumamteen namoonni 14 akka ajjeefaman jaarmayoonni gargaarsa adunyaa ibsan. Baqattoonni biyya Suudaanii kanneen koola goltummaa argatanii biyya Itiyoophiyaa jiraatan sababaa konkolaataan tokko baqataa 2 ajeeseef jecha lubbuu lammiilee itoophiyaa 10 akka ajjeesanii nagaya eeyduun mootummaa namoota ajjeechaa kanaa waliin hidhata qaban ja’aman 30 ...

Read More »

Magaalaan Harar saganttaa mana diiguu irratti guyyaa arraa rakkoo keeysa oolte.

Karoora mootummaan naannoo manneen kuma 2 oli jiigsuu irratti baafteen ummanni shorarkaa keessa jiraachuun hubatame. Manneen bara 10 niif jaaraa jirru maalif nutti calliftan jechuun Ummanni gaafataniis deebisaa takkallee hin arganne. Bulchinsa Aanaa Shankoor itti manneen kumaa oli akka deegamuuf jiraatn waan karoorameef jecha guyyaa arraa riqicha aanaan Shankoorii fii dirree xayyaaraa walitti fidu biratti dhagaalee gurguddaa tuuluun daandii cufaati ...

Read More »

Senaataroonii Ameerikaa 12 Tarkaanfi Mootummaan Itoophiyaa Lammiiwwan Irratti Fudhatu Balaaleffatan

Senaataroonii Yunaaytiid Isteets 12 mootummaan Itoophiyaa mirga lammi biyyaa akka kabajjuu fi biyya bulchuu keessatti caasaan hawaasaa hundi bakka bu’oota akka qabaachuun irra jiru gaafachuudhan guyyaa Ebla 21, 2016 wixinee baasaniiru. Wixinee tana irratti senaataroonni tarkaanfii humnoonni mootummaa Itoophiyaa namoota hiriira mormii karaa nagahaaatiin geggeessanii fii, gaazexeesotaa, akkasuma lammiiwwaan biyyichaa irratti fudhachaa jiran balaaleffataniiru. Senaatariin godina Meerilaandii fi, Seneetii Yunaaytiid ...

Read More »

Mormii Bulchinsa Oromiyaa waliin hidhata qabdan jechuun namoonni 22 seera farra shororkeessummaa tiin himataman.

Mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee tiin eegalamtee Oromiyaa keessaatti ji’oottan shan lakkaawwattee baatii jahaffaaf deemtuu waliin hidhata qabdan jechuun hooganoota jaarmaya KFO waliin namoota 22 irratti seera shoorarkeessummaatiin abbaan halangaa mana heeraatti himannaa guyyaa Jimaata dhiheeyse jira. Hoogganaan jaarmaya KFO obboo Baqqalaa Garbaa ammaan duraas haaluma kanaan wal fakkatuun mana heeraatti dhihaatee yakkamee bara afur erga hidhamee turee gadi lakkifamee ...

Read More »

Ammaas Lammiileen Itoophiyaa biyya isaanii irratti namoota biyya alaatiin ajjeefamuun itti fufeeti jira.

Guyyaa Kamisaa namoota konkolaataan ajjeefaman lama biratti lubbuun nama 13 ajjeefamuun barame. Baqattootni Biyya Suudaanii kanneen Naannoo Gambeellaa Mooraa baqattuu Jawwii ja’amtu keessatti qubsuma baqattummaa argatanii jiraatan lammiilee biyya Ithoophiyaa 13 haala suukanneeysaan waraanaa fii habaleen tumanii cicciranii haala suukanneessaan akka ajjeesan jiraattonni naannoo warri ijaan argan Raadiyoo VOA dame afaan Amaaraa tiif haala nama suukanneeysuun ibsaniiti jiran. Balaa tanaan ...

Read More »