Alshebaab ajajaa waraanaa tokko dabalatee loltoota Itoophiyaa jaha ajjeesuu hime.

Naannoo daandii bulchiinsa kibbaa Somaaliyaa magaalaa Awadiinitti boombii hidhameen ajajaa waraana tokko dabalatee loltoota Itoophiyaa jaha ajjeesuu isaa dhaabbatni Alshabaab ibse.

Jiraattotni naannichaa loltootni gara buufata loltootaa naannicha jiruutti osoo deemaa jiranii miidhaan kun irra gahuu dubbatan.

Gamtaa Afrikaas ta’e mootummaan wayyaanee miidhaa mudateef waan jedhan hin qaban