Haleellaa Gaambeellaatti raawwatame duuba harki hoggantoota Sudaan Kibbaa jiraachuu mala jedhame.

Torban darbe keessa uummatni Murlee hidhannoo cimaa qaban ajjeechaa gara jabinaan namoota nagaa irratti raawwatameen walii galtee dhabiinsi aangoo Salbaakirii fi Rikki Machaari gidduu jiru akka mul’isu gaazexaan Addunyaa tokko gabaase.

Miseensotni uummata Muleer kan uummata Nuweer irratti miidhaa geessisan haala cimaan kan hidhatanii fi uummata Dinqaan marsamuu, gosti Rikmachaar karaa tokko gosti Saalbakiri karaa biraa hidhannaa guutuun naannoo sanatti bobba’uun turuun isaanii agarsiisa ta’uu akka danda’u gaazexaan Atilaantik Kaawunsil jedhabamu maxxansa isaa Dilbataa irratti baasera.

Deddeebi’iinsa meeshaa waraanaa kana irraa warri Muleer fayyadamtoota ta’uu akka hin oolle gaazexichi itti dabaluun himeera.

Ajjeechaan gara jabeenyaa yeroo darbe achitti raawwatame haala naannichaa wal- xaxaa taassiseera kan jedhe gaazexaan kun, ji’oota sadii dura uummatni Anyuwaakii fi Nuweer walitti bu’uun lubbuun namoota hedduu darbeera, kaanis mada’aniiru akkasumas qabeenyi manca’uus ibseera.
Dabalataanis warri Anyuwaakii yeroo Dargii jechuun ALA bara 1980tti naannoo sana erga qubatanii warra baddaa waliin darbanii darbanii akka walitti bu’an gaazexichi gaabaasa isaa irratti hime.

Mootummaa naannoo Gaambeellaa fi Federaalaa gidduutti yeroo garaa garaa walii galteen akka hin turre kan hubachiise gaazexaan Atilaanitik Kaawunsil naannoo sanatti nageenya buusuuf warri baddaa jiraatan gaggeessitootni loltootaa murtee kennitoota ta’uun aangoo naannichaa guutuu fudhataniiru jedhe.

Bara 2003 ALA tti humnootni nageenyaa mootummaa uummata Anyuwaakii dhibbaan lakka’aman erga ajjeesanii booda mootummaa naannoo fi Federaalaa gidduutti wal amantaa dhabuun bal’inaan akka tures hubachiisera.

Kanneen hundi wal itti dabalamuun jiraattota naannoo Gaambeellaa murtee siyaasaa Itoophiyaa irraa qoodamiinsi itti dhagahamuu akka danda’uu fi lammilee Sudaan Kibbaa irra miidhaan akka hin geenye mirkaneeffachuu akka hin dandenye gaazexichi addeesera.