Weerarri Ilbiisa geerrii haala amma jiruun kan itti fufu yoo ta’e biyyoota baha Afrikaatti hanqinna midhaan nyaata fiduu akka danda’u shakkameera

Biyyoota Baha Afriikaatti weraarri Ilbiisa Geerrii haala amma jirun kan itti fufu yoo ta’e hanqina midhaan nyaata uumuu akka danda’u Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa FAOn tamsaa’inna ilbiisaa kanaa fi furmaata isaa ilaalchisuun ogeessota biyyoota Baha Afriikaa wajjiin magaala Finfinneetti marii tasifamee irrati beeksiseeraa. Weraarri ilbiisa kana akka lakkofsa warra faranjootaa bara 2017 biyyoota bahaa Afriikaa muraasa keessatti mul’ate hatattamaan ...

Read More »

Misoomni Naannoo Amaaraa hanqina dhiyeessi Humna Ibsaa wajjiin walqabatee duubaatti akka hafe gabaafameera.

Naannoo Amaaraatti pirojektoonni birri biiliyoona 6 fi miiliyoonni 9 ijaaraman 197 sababa hanqina dhiyeessi humna ibsaa wajjiin walqabatee hojii jalqabuu akka hin dandeenye himameera. Pirojektoonni kunniin osoo hojii jalqabanii namoota kuma 18 oliif carraa hojii akka uumaan Komishiniin Invastimantii naannoo Amaaraa beeksiseera. Komishinichaatti Abbaan Adeemsa hojii Poromoshiinii fi Qunnamitti Ummataa obboo Yiheeneew Alam gaazexxaa Ripportaaritti akka himanitti, hanqinni dhiyeesa humna ...

Read More »

Mormiin Tilmaama Gibira itti fufeera.

Mormiin gabaa lagachuu magaala seena -qabeetti Amboo fi naannoo ishee akkasumas Walisootti jalqabee kun yeroo amma guutuu Oromiyaa waligahuu bira darbuun sadarkaa biyyaatti babalachaa akka jiruu gabaasin ibisaa jiru. Mormiin gabaa lagachuukun magaalkoota gurguddoo naannoo Oromiyaaa hanga magaaloota xixiqoo gandoota baadiyaa keessa jiraanitti walgahaa akka jiru maddeen oduu gabaasaniiru Mormiin gabaa lagachuu magaaloota Oromiyaa keessatti bifa adda ta’een jalqabame kun ...

Read More »

Sirnii bittaa iyoophiyaa Malaanmaltummaadhan walqabatee Qondaltoo Mootummaa fii Daldaltoota 30 ol to’aannoo jala akka oolche dubbataa jira.

Minstirri Dhimmoota Komunikeshinii sirnichaa Doktoor Nagarii leencoo miidiyaaleetti jaraat akka himaniti// Tarkaniiffi Qondaltoota Mootummaa Olaanoo fi Daldaltoota malaanmaltummaa shakkaman to’aannoo jala oolchuu kun qorannoo fi hordoffii yeroo dheeraan booda akka ta’eedhaa. Qondaaltonni kun Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa, Koorporeeshinii Shukkaaraa, Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan magaalaa Finfinnee fi Dhaabbilee mootummaa keessa hojjechaa kan turan hadubbatamuu malee eenyummaan isaani ...

Read More »

Mormiin Tilmaama Galii Gibira Guyyaa magaaloota Oromiyaa keessatti jalqabame babal’atee akka itti fufe himameera.

Tilmaama gibiraa galii guyyaa mootummaa daldaltoota irratti fe’ee galii argatanii wajjiin kan wal hin simnee fi humna ol waan ta’eef daldaltoonni biyyaatti tarkaniiffii mootummaa kana mormaa jiru Mormiin kun bifa adda addaa kan itti fufe yoo ta’u magaaloota naannoo Oromiyaa keessatti manneen daldala cufuu fi gabaa lagachuun cimee itti fufeera. Mormiin manneen daldalaa Cufuu fi gabaa lagachuu kun qabsoo Ummata ...

Read More »

Hogganaan Paartii Kongirasii Federalaawa Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa Mootummaa Itoophiyaa Komishiinii Mirga Namoomaa Afriikaa irratti himataniiru

Komishiinii Mirgaa Namoomaa Afriikaa dhiittaa mirga namaamaa Itoophiyaa keessa jiru balaleeffachuun yeroo adda addaa ibsaa baasaa waan turef, Mootummaa Itoophiyaa komishiniichaa irratti himachuun barbaachisa akka ta’e ibsuun isaanii gabasameeraa. Komishiiniin Mirga Namoomaa Afriikaa kun dhaabbilee Addunyaa biroo caalaa dhaga’iimsa foyya’aa waan qabuuf akka ta’e,Hogganaan Dhaabbata Mirgaa Namoomaa fi Guddina Dimokirasii Itoophiyaa fi ogeessi Abukaatoo Doktoor Abadiir Ibrahiim beeksisaniiru Dhaabbanni kun ...

Read More »

Manneen barnootaa Afaan Oromoo Magaalaa Finfinneetti Ijaaraman Afur xumuraman

Kutaalee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hunda keessatti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruuf dhga’aan bu’uura erga ka’aamee waggoonni muraasni darbeera. Magaala Finfineetti dhimmi manneen Barnoota Afaan Oromoo ijaaruu kan yeroo filaannoo gahuu fi yeroo mormiin mormiin ummataa ka’u kan yaadatamu yoo ta’u, yeroo biroo immoo dagatamuun waggoota hedduu ittuu ojii irraa hin olin waggaata hedduu fudhachuun isaa waan beekamuudha.. Mormii Ummataa Oromoo ...

Read More »

Naannoo Amaaraatti Galiin Damee Turiziimii irra argamu walakaa gadiin akka hir’ate himameera.

Naannoo Amaaraatti mormii ummataa wajjiin walqabatee galiin damee turiziimii irra argamu wadhakaa gadiin akka hir’ate himameera Bara bajeeta xumurama jirutti galiin damee Turiziimii irra argame dhibbeenta 53 akka hir’ate Pirizedaantiin Naannoo Amaaraa obboo Gadduu Andargaachoo Yaa’ii Mana marii naanniichaa tibbaana magaala Bahaar -Daaritti gaggeeffame irratti dubbataniiru Naannoo Amaaraa qofatti galiin damee Turiziimii irra argamu dhibbeenta 53n kan hir’ate yoo ta’u, ...

Read More »

Hidhamtoonni Kongiraasi Federalaawa Oromoo Shan manni murtii bilisaan akka gadhifaman murteesseef keessa afur gaafa guyyaa kamisaa torbee tokkon booda gadhifamaniiru

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Itti-Aanaa Hoggaana Paartii Kongirasii Fideralaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoonni Siyaasa biroo 22n himataman torbee tokkon dura murtii gara garaa kennu isaa ni yaadatama. Haaluma kanan Itti-Aanaa Hogganaa Paartii Kongirasii Federalaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa himaannaa yakka Idileen akka himataman Manni Murtiichaa murteesseera Hoggantoonni Siyaasa Paartiichaa biroo 16n himaannaa farra Shororkeessummaa abbaan alangaa ittiin isaan ...

Read More »

Naannoo Oromiyaatti Mormiin Ummataa Bifa adda addaan cimee itti fufeera.

Mootummaan Abbaa Irree Itoophiyaa loltoota Agaazii abdachuun komii ummata waan hin dhageenyeef daldaltoonni naannoolee Oromiyaa manneen daldalaa isaanii cufuu fi eyyama daladalaa deebisuuf dirqamaa jiru. Mormii tilmaama Gibira galii guyyaa humna ol mormuun jirattoonni fi daldaltoonni magaalaa Amboo, Gudaar , Geedoo, Baakkoo Tibbee Gincii fi Walisoo manneen daldalaa isaanii cufuun gibira humna ol itti fe’ame mormaniiru. Magaalaa Amboo fi Wallisootti ...

Read More »