Mormiin Tilmaama Galii Gibira Guyyaa magaaloota Oromiyaa keessatti jalqabame babal’atee akka itti fufe himameera.

Tilmaama gibiraa galii guyyaa mootummaa daldaltoota irratti fe’ee galii argatanii wajjiin kan wal hin simnee fi humna ol waan ta’eef daldaltoonni biyyaatti tarkaniiffii mootummaa kana mormaa jiru
Mormiin kun bifa adda addaa kan itti fufe yoo ta’u magaaloota naannoo Oromiyaa keessatti manneen daldala cufuu fi gabaa lagachuun cimee itti fufeera.
Mormiin manneen daldalaa Cufuu fi gabaa lagachuu kun qabsoo Ummata Oromoo keessatti seenaa guddaa qabduun kan beekamtu magaalaa Amboo fi Walisootti guyyoota muraasa dura jalqabamun ni yaadatama.
Mormiin daldaltoota kun gara magaaloota Oromiyaa biroo kan akka Dambi Dolloo , Gudaar, Walisoo, Holotaa, Shashamannee , Kofalee, Bulee Horaa, Mandii, Najjoo fi Muka xurriitti cimee itti fufeera.
Mormiin gabaa lagachuu kun Magaloota Godina Shawaa Lixaa hunda keessatti sadraka jechu danda’amuun akkasumas Magaaloota Godina Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee , Arsii Lixaa, Wallaaggaa Lixaa. Wallagaa Bahaa fi Qellaam Wallaggaa keessatti itti fufe akka jiru Jirattoonni himaniiru
Magaloota kanniin keessatti manneen daldalaa kan cufaman yoo ta’u tajaajili geejjibaas akka addan cite himameera.
Magaaloonni kunnin keessatti loltoota Agaazii, Pooliisoota Federaalaa fi Konkolattoonni isaanii qofti daandii irratti akka mul’atan gabaafameera.
Loltoonni Agaazii manneen namaa irra deemuun gabaa akka bahanii fi manneen daldalaa isaanii akka bananiif soodachiisa jiru jedhameera.
Magaalaa Ambootti tajaajili geejjibaa gutumaatti waan addan citeef Konkollatoon hojjattoota wajjiiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf tajaajila geejjiba kennan akka jiran ragaan Amboo nu gahe ni mul’isa.
Magaaloota tokko tokko keessatti immoo qondaltoonni naannoo Oromiyaa manneen daldalaa cufaman irra deemuun saamsaa akka jiran daldaltoonni dubbataniiru.
Qondaltoonni Mootummaa Oromiyaa manneen daldalaa kan saamsaniif daldaltoota soodachisuu fi ergama waayyaannee hojiirra oolchuuf yaalaaniis akka isaaniif hin milkoofne daldaltoonni beeksisaniiru.
Bifuma walfakkatuun Magaalaa Finfinnee fi Naannoolee tokko tokko keessatti mormiin gabaa lagachuu fi manneen daldalaa cufu jalqabeera.