Naannoo Oromiyaatti Mormii Laguu Gabaa wajjiin walqabatee Manneen daldalaa Saamsamanii fi Konkolattoonni Gabateen irra hiikame gara hojiitti deebi’uu akka hin dandeenye himame.

Naannoo Oromiyaatti mormiin gabaa lagachuu erga xummurame booda manneen daldalaa fi tajaajilli geejiba akka jalqabame himameera. Manneen Daldalaa samasamanii fi konkolattoonni gabaateen isaanii mormii laguu gabaa wajjiin walqabatee irra hiikame garuu gara tajaajilaatti deebi’uu akka hin dandeenye himameera. Qondaltoonni Mootummaa naannoo Oromiyaa namni kamuu karaa nagaatiin mormuu waan danda’uuf manneen daladalaa saamsuu fi konkolattoota irra gabaate hiikuun sirri akka hin ...

Read More »

Hoteelloonni Qondaltoota Mootummaa Bahaar-Daar keessa jiran eeggumsi addaa taasifamaaf akka jiru himameera.

Mormiin ummata naannoo Amaaraa wajjiin walqabatee magaalan gudddoon naanniicha bahaar Daar tasgabii erga dhabdee oltee bultee jirti. Dargaggoonni naanniichaa mormii ummata oromoon booda miidhaa fi gadadoo mootummaa waayyaannee ammaan booda callisaanii ilaallu akka hin dandeenye bifa adda addaa ibsaa turaniiru Yeroo dhiyoo asi immoo boombiin qaama hin beekamneen magaloota bahaar-daar fi gondoor keessatti darbatamu qondaltoota naanniichaa yaaddeesse jira Haalli Tasgabbii ...

Read More »

Baankiin Daladala Itoophiyaa Gamoo haaraa ijarsiiseef haati manaa obboo Taklabirhaan Ambaayee caalbasii malee meeshaalee biiroo akka dhiyeessaniif filate

Baankiin Daladalaa Itoophiyaa gamoo ijaarsiisuuf caalbaasii qopheesseen kaampaanii caalbaasii mo’aate dhoorkachuun seeraan ala obboo Taklabirahaan Ambaayeef akka kenne ni yaadatama. Ijaarsi gamoo haaraa kanaf meeshaalee biiroo akka dhiyeessaniif haai manaa obboo Taklabirhaan Ambaayeef caal baasii malee filatamuusanii beekameera. Bankiichi gamoo haaraa ijaarsiseef meeshaalee biiroo akka dhiyeessaniif haadha manaa Obboo Abbaay Tsahaayee duraanii malanmaltummaa shakkamanii yeroo ammaa mana hidhaa jiran aadee ...

Read More »

Kooriyaan Kaabaa miisaa’elii gara daangaa Jaappaanitti dhukaasu himameera

Kooriyaan Kaabaa gaaffii fi akekkaachiisa Mootummaa Amerikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtomaanii gara maddiitti dhiisuun gaafa wixataa miisaa’elii gara Jaappaanitti dhukaasu ishee gabaafameera. Biyyaattiin Miisaa’elii kana magaalaa Piyoongiyaangii gara kaaba bulchiinsa Jaappaanitti akka dhukaaste miidiyaaleen addunyaa gurguddoon gabaasaniiru. Ministiirri muummee Jaappaan Jaappaan Shiinzoo Abee gochi Kooriyaa Kaabaa kun fudhatama kan hin qabnee fi dubbi barbaacha guddaa birmadummaa biyya isaanii irratti aggamame ...

Read More »

Oromiyaa keessati Mormiin Gabaa lagachuu guyyaa sadaffaaf ittifufe jira.

Mormii gabaa lagachuu guyyoota shaniif turu kana wajjiin walqabatee magaloota Oromiyaa hunda keessattti manneen daldalaa guyyaa sadaffaaf kan cufaman yoo ta’u tajaajil geejjibaas akka addaan cite jirattoonni himaniiru. Tajaajili geejjibaa kun magaloota naannoo Oromiyaa qofa osoo hin taane, kallattiiwwaan biyyaatti arfanii gara magaalaa Finfinnee kan imalaniis addan citeera. Konkolatoonni magaala Finfinneetti gara magaloota naannoolee hunda deemaan Pooliisiin marfamanii yoo ta’e ...

Read More »

Baqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraa kuma tokko ol Pooliisii Xaaliyaanii wajjiin akka walitti bu’an gabaafameera

Pooliisiin Xaaliyaanii baqattoota Itoophiyaa fi Ertiraa kuma tokko ol magaala room gama tokkorra jiraacha turan humnan akka gadhisiise baqqattoonni himaniiru Baqqattoonni biyyoota lamanii gamoo irra jiraacha turaniirra pooliisiin biyyaatti humnan erga akka gadhisan dirqamsiise booda daandii magaala Room irra jiraachuuf dirqamaniiru. Yaa ta’u malee,Pooliisiin biyyaatti ammaas baqattoota kanniin daandii irra humnan kaasuuf tarkaniiffii fudhateen walitti akka bu’an gabaafameera. Tarkaniiffii Pooliisiin ...

Read More »

Itoophiyaan bara bajeeta 2009 Misooma Indistirii huccuu irraa galii sharafa alaa karoora gadi akka argate himameera.

Mootummaan Itoophiyaa bara bajeeta 2009 misooma Indistirii Huccuu irraa sharafa biyyaa alaa dolaarii miiliyoona dhibbaa lamaa fi miiliyoona 71 argachuuf karoorfate hojjachaa akka ture himameera. Yaa ta’u malee, galiin sharafa alaa damee misooma indistirii huccuu irraa argame karoora gadi dolaarii miiliyoona 89.3 akka ta’e himameera. Galiin sharafa alaa damee kanarra argame karoora bara bajeeta ni argama jedhamee karoorfame keessa dhibbeenttaa ...

Read More »

Mootummaan Sawuud Arabiyaa Baqattoota Itoophiyaa kuma dhibba shanii ol humnan biyyaa akka hin baasne Dhaabbanni Humaan Raayiit Waach gaafate

Dhaabbanni Humaan raayiit Waach lammiileen Itoophiyaa dirqamsifamanii Saawud Arabiyaa akka hin baane mootummaa biyyaatti kadhateera. Baqattoota Itoophiyaa keessa rakkoo diinagdeen kan baqatan jiraataniis irra caalaan isaanii gara biyyaatti deebi’uu kan soodataniif rakkoo siyaasaatiin akka ta’e Humaan Raayiit Waach beeksiseera. Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa isaaniitti yoo deebi’aan ilaalacha siyaasa qabaniin mootummaa Itoophoyaa dararaa fi ajjeechaan irra gahuu akka malu dhaabbatichi ibsa ...

Read More »

Itoophiyaatti ijaarsa Daandiiwwan haaraa wajjiin walqabatee balfi summawaan gatamu du’a daa’immaaniif sababa akka ta’e qorannoo tokko mul’iseera

Itoophiyaa keessatti ijaarsa daandiiwwaan haaraa wajjiin walqabatee balfi summaawaan karaa seeraan alaatiin bakka adda addatti gatamu du’a daa’immaaniif sababa akka ta’e qorannoo tokko mul’iseera. Qorannoo kana kan gaggeessan ogeeyyoota Yunivarsiitii Kiiwuun Meerii magaala Londooniitti argamu fi Koolleejjii Tiriniitii magaalaa Dabliiniitti argamu keessa walitti bahan. Haadholeen daandii haaraa ijaaraman irra hanga kiiloomeetira shanii fagatanii jiraatan daa’immaan isaan dahan balfa summaawaa kana ...

Read More »

Caasaan Mootummaa naannoo Oromiyaa Gandaa fi Ummata Oromoo Naannoo Sumaaleetti akka gurgurate pirezedantiin naanniichaa Obboo Lammaa Magarsaa himan.

Caasaan Dhaabbata Dimokrataawa Ummataa Oromoo (Dh, D,U,O) gandaa fi Ummataa fayeeda dhuunfaa jechaa naannoo Sumaaleetti akka gurgurate Perizedaantiin naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa himaniiru. Caasaan mootummaa naannoo Oromiyaa fi miseensi ‘OPDO’ gandaa naannoo Oromiyaa aanaa Cinaaksan keessatti aragamu mallatteessee naannoo Sumaleetti akka gurgurate obboo Lammaan dubbataniiru. Akka obboo Lammaan dubbataniti Bulchaan Aanaa Cinaaksan galma abbaa Gadaatti isaan wajjiin ta’ee osoo ...

Read More »