Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin waqabatee mootummaan waayyaannee liyyuu pooliisii Sumaalee deeggaruun ummata oromoo irratti lola labseera. Haalauma kanan Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee gandoota daangaa Godinaalee Oromiyaa Harargee Lixaa fi Bahaa , Baalee, Boraanaa fi Gujii weraarun lubbuu namoota heddu galafataniiru. Qabeenya jirattoota Gandooota daangaa irra jiraatanii saamuu, gubuu fi namoota ukkamsanii fudhachun daangaa Oromiyaa keessa Alabaa ...
Read More »Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1,438ffaa kabajameera
Hawaasni Musliimaa Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1,438ffaan adduunyaa irraati sagantaa adda addaan kabajeera Biyyaa keessati Isteediyamii Finfinneetti hordofrtoonni fi abbootiin amantii baay’een bakka argamanitti haala miidhagaan kabajamuun isa gasameera. Hordoftoonni Amanitii Islaamaa magaala Finfinnee fi naannoowwashe ganama sa’a 12 irra jalqabee kallattiiwwaan hundaan gara Isteediyamii Finfinneetti deemuun Salaataan galata dhiheessaa turaniiru. Hordoftoonni amantichaa Salaataa fi faaruu amantii farfaachaa ...
Read More »Hojjattoota Dhaabbata ‘Tiraanzitii’ Galaanaa fi Tajaajila ‘Lojistikii’ Itoophiyaa yakka malaammaltummaan shakkaman too’annoo jala akka oolfaman gabaafame
Mootummaan Itoophiyaa Hojjattoota Dhaabbata ‘Tiraanzitii’ Galaanaa fi Tajaajila ‘Lojistikii’ yakka malanmaltummaa raawwatan jedhe shakke shan to’aannoo jala akka oolche miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Akka gabaasa miidiyaalee mootummaatti, hojjattoonni shanan qabeenyi mootummaa fi ummataa akka manca’uuf gumaachan jedhamaniitti kan hidhaman Hojjattoonni dhaabbatichaa shanan malanmaltummaan shakkamanii to’aannoo jala oolfaman sadarkaa hojii adda addaa irratti ramadamanii hojjechaa akka turan himameera. Hojjattoonni malanmaltummaan shakkamanii hidhaman ...
Read More »Shirri ummata Amaaraa fi Qimaant Gooxiin addaan qooduuf karoorfame hatattamaan akka dhaabbatu Waldaan Gondor akeekkachiiseera.
Shirri Mootummaan Waayyaannee ummata Amaaraa fi Qimaant gooxiin addaan qooduuf karoorse hatattamaan dhaabbachuu akka qabu waldaan Gondor akeekkachiseera Waldaan Gondor shira kana ilaalchisee ibsa baaseen filannoo murtiin ummataa fulbaan 7 bara 2017 ummata Amaaraa fi Qimaanti gooxiin addaan qooduuf karoorfame guffachisuun barbaachisaa akka ta’e beeksiseera. Sababa maqaa murtii ummataa jedhun lafti naannoo Amaaraa Tigraayiif akka hin kennamne ummanni tokkummaan ittisuu ...
Read More »Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa Bu’aa filannoo pirezedaantummaa biyyaatti haqe
Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa bu’aa filannoo pirezedaantummaa Hagayya 8 bara 2017 geggeeffameen Pirezedaant Uhuruu Keniyaattaa mo’atan jedhame haqe. Manni murtichaa dhaddacha gaafa jimaataa taa’een Boordiin Filannoo biyyattii filannoo ji’a darbee godhame irrati hojii seeraan alaa fi haqa-qabeessa hin taane kan filannicha miidhu akka raawwate beeksiseera. Abbootii Murtii dhimma bu’aa filannoo Keeniyaa dhaggeeffachaa turan 6 keessa 4 bu’aan filannoo akka haqamu ...
Read More »Dhalattoonni Oromoo Naannoo Beenishanguul Gumuuz Godina Matakaal Aanaalee sadii keessa jiraatan gaaffii ofiin- of bulchuu Mana marii Federeshiinii akka dhiheesan dubbatame.
Naannoo Beenishanguul-Gumuuz Godina Matakaaliitti dhalatoonni Oromoo aanaalee Wanbaraa, Diibaxii fi Bulaan keessa jiratan heera mootummaa keeyyaata 53 fi 61 bu’uureeffachun gaaffiin ofiin-of bulchu isaani odeeffannoo midiyaalee hawaasaa irraa tamsa’an irraa baruun dandda’ameera. Heerri Mootummaa Itoophiyaa Sabaa fi sablamoonni mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka qaban waan eyyamuuf, dhalattoonni Oromooo aanaalee sadeen keessatti argaman gaaffii ofiin-of bulchu gaafachuun xalayaa mana marii ...
Read More »Walitti bu’iinsa Pooliisii Xaaliiyaanii fi baqqattoota Itoophiyaa tibbaana mudateen lammiin Itoophiyaa Miidhame hin jiru jechun namoota baay’ee dalansiseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa walitti bu’iinsa tibbaana Pooliisii xaaliyaanii fi Baqqattoo Itoophiyaa gidduu tureen lammiileen biyyaatti miidhaaman akka hin jire ibsa baaseen beeksiseera. Minsteeri dhimma Alaa Biyyaatti haala qabatama jiru osoo hin beekne lammiileen Itoopohiyaa miidhaan irra gahe hin jiran jechun ibsa baasuun lammiilee Itoophiyaa baay’ee dalansiseera. Lammiileen Itoophiyaa Afur karaa nagaatiin gamoo gadi dhiisanaii wayita bahan bakkichatti argamun akka ...
Read More »Dhalattoonni Walqaayiit 30 ol naannoo Umaraati qabamanii gara Maqalee fudhatam saa’aatii 24 harkii isaanii hidhamee dararamaa akka jiran himame.
Dhalttoonni Walaqayiit naannoo Umaraatii qabamanii gara Maqalee fudhataman waxabajjii 17 bara 2009 jalqabe saa’aatii 24f harki isaanii shiboon hidhamee olaanii akka bulan Hogganaan Paartii Areenaa Tigraay Obboo Abrahaa Dastaa beeksisaniiru Hidhamtoota kanniiniirra shiboon kan hiikamu torbaniitti yeroo tokko qofa akka ta’e obboo Abrahaa toora miidiyaa haawasummaa isaanii irratti ibsaniiru. Mana hidhacha keessatti dhalattoota walqaayiit qofa adda baasuun harki isaanii akka ...
Read More »Itoophiyaatti hanqina midhaan nyaataa sadarkaa yaadeessarra gahe wajiin walqabate qondaltoonni mootummoota gamtomaanii sadii biyyaatti daawwachuuf jedhame.
Itoopohiyaa keessatti jijjiirama Qilleensaa,rakkoo qabiinsa qabeenya Ummamaa fi qabeenya jiru haalaan itti fayyadamu dhabuun madda balaa hongee ta’uun ni himama. Balaa hongee kanan hanqinni midhaan nyaata yeroo ammaa sadarkaa yaaddeessaa irra gahuun lammilee biyyaatti beelaaf akka saaxile himameera. Yeroo ammaa lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 8 fi kumni dhibba shan gargaarsa midhaan nyaataa yeroo hatattamaaf akka saaxilaman Dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiseera. Jirattoonni ...
Read More »hidhattoonii Naannoo Sumaalee fi jirattoota Aanaa Mi’eessoo gudduu lolli cimaan akka ture himame.
hidhattoonii naannoo Sumaalee fi Godina Harargee Lixaa jirattoota Aanaa Mi’eessoo giddu gaafa wixataa lollii cimaan akka ture gabaafameera. hidhattoonii Pooliisiin naannoo Sumaalee meeshaa waraanaa hanga funyaanii hidhatanii fi mootummaa Federaalaan deeggaraman yeroo adda addaa gandoota naannoo Oromiyaa daangaa irra jira weraaruun badii gudda qaqqabsiisa turaniiru. Hidhattoonii kun ergama addaa waayyaannee kenniteef fudhachuun daangaa babalfachuu gandoota Oromiyaa weraaruun lubbuu namoota heddu ...
Read More »